Seera Bayu'uu 24 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Waadaa Banii Ufiitii Gale Raawwate

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Atii fi Aaroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'eliillee torbaatamni gara gaara Rabbii baya'aatii fagoo dhaabadha'aatii sagadaa'a;

2Muuseen ammo hojja ufiititti gara kiyya gara Rabbii haa dhiyaatuu; baniin ammo isa woliin akka hin dhiyaanne»

3Muuseenillee dhufee jecha Rabbiitii fi seera maraa bani'itti hime; baniin maruu laagaa tokkoon «Waan Rabbi dubbate maraa hin goona» jedhan.

4Muuseenillee jecha Rabbii barreessee ganamaan ka'ee gaara jalatti hulee ciinca'aa akka gosa Israa'elii kudha lamaaniitiin soodduu dhaabe;

5ijoollee Israa'elii keessaa ka'imman waan ciincaa fayyinnaatiif ka Rabbii dhiyaatuuf sangoota akka qalan erge.

6Muuseen wodhakkaa dhiigaa fuudhee qori'itti buusee dhiiga ciinca'aa hulee ciinca'aatitti facaase;

7Kanaan maayessa kitaaba waada'aallee fuudhee laagaa ol fudhatee bani'ii dubbise; isaanillee waan Rabbi jedhe maraa hin goona hin ajajamnaafille'e» jedhan.

8Muuseen dhiiga fuudhee banii irratti akkana jedhee facaase, « Jecha kana maraan waadaan Rabbi dhiigaan isin woliin gale kunooti» jedhe.

9Muusee, Aroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'elii torbaatamman maruu gara gaaraa ol bayan.

10Waaqa Israa'elii argan; miila isaa jala wonta akka maleekkaa Sami'ii ifu waan badhaa bulee akka dhagaa gatii gudda'aatitu ture.

11Inni harka ufii manguddoota Israa'elii irratti hin hiixanne; isaanillee Rabbiin arganii nyaatanii dhugan.

Muuseen Gaara Siina'aa Gubba'atti

12Achiin maayessa Rabbi Muuse'een, «Gara kiyya gara gaaraa ol bayii taa'i; waan ati isaan barsiiftu seeraa fi ajaja kiyya dhagaa baxxee irratti barreessee sii kennaa» jedheen.

13Muuseenii fi gargaaraan isaa Iyyaasuun isa woliin ka'an; Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee,

14jaarsotaan «Haga gara keessan deebinuuf as taa'aa'a; Aaroonii fi Hoori kunoo isin woliin taa'an; ka hajaa qabullee yoo jiraate gara isaanii haa dhaquu» isaaniin jedhe.

15Muuseen gara gaaraa ol baye; gaarrillee hurrii duumessaatiin dhoffame.

16Ulfinni Rabbii gaara Siina'aa irra taa'e; guyyaa jahaaf duumessi isa dhosse; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbi duumessa keessaan Muusee waamee,

17gaara gubba'atti ijoollee Israa'elii duratti ulfinni Rabbii akka ibidda nama gubuutitti ture.

18Muuseenillee duumessa keessaan gara gaaraa ol baye; Muuseen gaara irra guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa ture.Kes. Deb. 9:9

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help