1Isin akka Rabbi rooba badheessaa isinii roobu kadhadhaa'a; duumessa rooba baate Rabbitu erga; roobaa fi biqiltuu raasa'aa maraa ka kennu isa.
2Waaqoleen tolfamaan waan bu'aa hin qabne dubbatan; worri moran mudhata sobaa argan; eebjuu sobaa ta sobaa argan; eebjuu sobaa dubbatan; kanaafuu baniin akka hoolota tissee hin qabnee raantayan; jajjabeenni isaanii duwwa'a; duwwama nama jajjabeessan.
3Rabbi akkana jedha, «Dheekkamsi kiyya jabaan bulchoota banii kiyyaa irratti bu'a; ani Waandhi banii maraa waan banii kiyya Yihuudaa eeguuf bulchoota isaanii hin adaba; banii Yihuuda'aa akka farda kiyya arreedaa lolaa isaan taasisa.
4Banii Yihuuda'aa keessaa akka dhagaa dhaaba manaa akka xiribbaa daase'ee, bulchoota akka buundhee lolaatii fi worra loltoota ajajantu baya.
5Baniin Yihuuda'aa diintota ufii akka loltoota jajjabaa dhiitanii dhoqqee kara'aatiin wolitti makanii ta'an; Rabbi waan isaan woliin jiruuf jabaatanii lolanii worra fardaan lolanillee uduu hin hambifne maraa mooyatan.
6Ani banii Yihuuda'aa hin jabeessa;
banii Israa'eliillee hin oolcha;
waan isaanii garaalaafuuf isaan maraa gara biyya isaanii isaan deebisa
isaan akka ani armaan dura isaan gatee hin beenne ta'an;
Ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef
kadhaa isaanii hin dhagaya.
7Baniin Israa'elii akka loltoota jajjaba'aa ta'an;
akka nama daadhii woyini'ii dhugeetitti gammadan;
ijoolleen isaaniillee mootee kana qaabata'aa gammadan;
Rabbiinillee hin burraaqan.
8Ani banii kiyya waamee
wolitti isaan qaba; isaan oolchalle'e;
akkuma armaan duraatitti isaan baay'isa.
9Ani uduu banii keessallee isaan bittinneessee biyya fago'oo ka keessa jiraatan keessa taa'anii na qaabatan;
isaanii fi ijoolleen isaanii hafanii gara biyya ufii deebi'an.
10Ani biyya Misiriitii isaan deebisa;
biyya Asoorii keessaallee wolitti isaan qaba;
haga lafti isaan hanqattutti Gala'aadii fi Libaanosiin keessattillee akka quphatan isaan taasisa.
11Hennaa galaana rakkinnaa keessa lufan;
ani Rabbi dambalii dhaya;
lanni Abbaayii guddaan sunillee hin goga;
biyyi Asoorii ta uf jajjullee hin salphatti;
biyyi Misiriillee ulee mootummaa ufii hin dhabdi.
12Ani Waandhi isaanii isaan jabeessa;
isaanillee dubbii kiyyaa hin ajajaman»
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.