Gara Worra Rooma'aa 12 - Kitaaba Woyyuu

Rabbiin Tajaajilu'uuf Attamitti Akka Jiraatan

1 6:13 Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.

2Efe. 4:17,22,23; 5:10,17 Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiiramaa malee adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.

3 11:20; Qor. 1ffaa 12:11; Qor. 2ffaa 10:13; Gal. 6:3; Efe. 4:7 Akkasuma isin maruu haga amantii Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.

4Qor. 1ffaa 12:12-13 Akkuma nafa tokko keessa qaamni hedduu jiru, hujiin qaama nafa maraatuu tokko akka hin taane,

5Akkasuma nu heddu taanee karaa Kiristoosiitiin nu nafa tokko. Nu maruu qaama woliiti.

6Qor. 1ffaa 12:4-11; 14:1 Akkuma badhaadha nuuf kennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantii keennaatiin raaga haa dubbannuu.

7Phex. 1ffaa 4:10-11 Tajaajila yoo ta'e, tajaajila keennaan haa jabaannuu; ka barsiisullee yoo ta'e, barsiisuu ufiitiin haa jabaatuu;

8Qor. 1ffaa 12:4-11 ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka kennullee arjumma'aan haa kennuu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu; ka araaramullee gammachu'uun haa araaramuu.

9 Xim. 1ffaa 1:5; Amo. 5:15 Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibbaa'a; waan misha'aan wolii galaa'a.

10Filph. 2:3; Phex. 1ffaa 1:22; Ibr. 13:1 Jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a.

11Hu. Er. 18:25; Efe. 6:7; Qol. 3:23; Mudh. Yoh. 3:15 Huji'itti jabaadhaa malee hin ceem'inaa'a; worra Ayyaanaan oo'itan ta'aa'a Goofta'aa ajajamaa'a.

125:2-3; Tas. 1ffaa 5:16-17 Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; Rabbiin kadhachu'uun jabaadhaa'a.

13Ibr. 6:10; 13:2; Phex. 1ffaa 4:9; Yoh. 3ffaa 5-8 Woyyoota waan barbaachisuun gargaaraa'a; keessummoota simachu'uun jabaadhaa'a.

14Mat. 5:44; Luq. 6:28 Worra isin ari'an eebbisaa malee hin abaarinaa'a.

15Far. 35:14; Qor. 2ffaa 11:29 Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka booyu woliinillee booyaa'a.

1615:5; Filph. 2:2-3; Isa. 5:21; Mam. 3:7Isin wol ta'u'uun jiraadhaa'a; worra jiruu gad aanaa jiraatan woliin tokko ta'u'uuf hayyamaa malee isaanitti uf hin jajinaa'a; ufiinillee hin dhaadatinaa'a.

17Qor. 2ffaa 8:21; Tas. 1ffaa 5:15; Mam. 20:22 Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a.

1814:19; Mat. 5:9; Mar. 9:50; Ibr. 12:14 Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.

19Ser. Lew. 19:18; Kes. Deb. 32:35; Mat. 5:39 Jaalalloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef.

20Mot. 2ffaa 6:22-23; Mam. 25:21-22; Mat. 5:44 «Diinni kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi; kana godhuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irratti waan tuultuuf.»

21Hamaa mishumma'aan mooyadhu malee, haamtu'uun hin mooyatamin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help