1Rabbi guyyaa san;
leewaataanii bofa filliidamaa
leewaataanii jawwee mammaramu;
guraadee gudda'aa fi qarama'aan ajjeesa;
busaawaa guddaa galaana keessaallee
hin mummura.
2Guyyaa san akkana jedhama;
«hulee woyini'ii michu'uuf faarfadhaa'a;
3Ani Rabbii isa eegu;
hennaa maraa bisaan obaasa;
kanaafuu eennullee isa hin miidhu;
halkanii guyyaa hin eega.
4Ani amma achi hin lolu;
maal uduu qore'ee fi qummuudduun natti ka'anii!
uduu lolaaf isaanitti bayee;
wolumatti qabee uduu isaan gubee.
5Yookaan dhufanii hulee itti dhokatan na haa godhatanii;
na woliin nagaya haa qabaatanii;
Ee; na woliin nagayaan haa jiraatanii.»
6Baroota dhufanitti Yaaqoob hidda gad fageeffata;
Israa'elillee hin muta; abaaboo baasa;
daraaraa ufiitiin ardii maraa guutan.
7Akkuma worra isii dhaye dhaye;
Rabbi isiillee hin dhayee?
worra isii ajjeese akkuma ajjeese;
isiillee hin ajjeesee?
8Lolaa fi baqaan isi'iin wol qabde;
akka gaafa qilleensi baya biiftu'uu qilleensaayutti;
haboonbolattii jaba'aan isii ariite.
9Yaaqoob dhagaa hulee ciinca'aa;
akka dhagaa adi'iititti daakee yoo bulleessu;
utuba'aa fi hulee ciinca'aa ka hixaana irratti aarsan
ka asheera'aa;
yoo hule'ee buqqisee gatu;
yoo san yakki hin dhiifamaaf;
kun bu'aa guutuu cubbuun isaa irraa ka'u'uu ta'a.
10Qachaan maandhee itti ijaaran ona taate;
lafa gammoojji'ii ta gatamte taateerti;
waatileen achitti bobba'an;
achuma ciciisan;
dameewwan isi'ii quuncisanii nyaatan.
11Haafni isi'ii yoo gogu hin caccaba;
dubartoonni dhufanii qoraan godhatan;
banii hubannaa hin qabne waan ta'eef;
uumaan garaa isaanii hin laafu;
ka isaan qamashe isaanii hin araaramu.
12Gaafas akkuma qonnaan bulaan qamadi'ii fi buraa gar gar baasu Rabbi banii Israa'elii laga Efraaxisiitii kaasee haga daangaa biyya Misirii jiruu wolitti qaba.
13Hennaa san xurumbaan laagaa guddaa dhageessisu hin afuufama; worri biyya Asoorii keessatti badanii fi worri Israa'elii ka gara biyya Misirii baqatan deebi'anii dhufanii gaara woyyoome ka Israa'elii ka Yerusaalemiin keessatti argamu irratti Rabbii sagadan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.