Kitaaba Mootota ka 2ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoo'aasii Mootii Biyya Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 24:1-16)

1Iyyuun Israa'eliin irratti mooyee woggaa torbeesso'ootitti Iyyoo'aas mootii Yihuuda'aa ta'ee Yerusaalemiin keessatti woggaa afurtamaa bulche; haati isaa ta Saabiyaa jedhamtu nama biyya Beersaabeehiiti.

2Bara Yoodaaheen gadichi barsiisa'aa ture maraa Iyyoo'aas Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe.

3Garuu huleen itti sagadan ka tulloota irraa hin banne; hennaa san baniin hulee itti sagadan ka tullootaa irratti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan.

4Iyyoo'aas worra gadootaatiin horii qulqullaaye ka gara mana Rabbii seenu maraa, horii waan gatii lubbuu ufiitiif dhiyeessanii fi horii fedha ufiitiin gara mana Rabbii fidan maraa,

5keessaa gadoonni maruu fuudhanii hulee manni woyyumma'aa diiggameen haa ijaaranii isaaniin jedhe.

6Garuu gadoonni haga bara mootiin Iyyoo'aas woggaa diddamii sadihii bulche mana woyyumma'aa ka diiggame hin ijaarre.

7Mootichi Yoodaahee gadichaa fi gadoota kaawwanillee waamee, «Hulee mana woyyumma'aa ka diiggame maaf hin ijaarre? adha irraa jalqaba'aatii horii nama irraa fuutan harkatti qabachuu isin hin barbaachisu; akka ijaarsa mana woyyu'uutiif oolu horii isaanitti kennaa'a» isaaniin jedhe.

8Worri gadootaallee waan inni isaaniin jedheen wolii galanii horii banii irraa fuudhuu dhiisanii hulee diiggamellee haarawoomsuu dhaaban.

9Yoodaaheen gadichi garuu saanduuqa horiin keessa taa'u fuudhee banee balbala mana woyyumma'aa seenaniin cinaa mirgaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye; Gadoonni horii kenna'aa ka namoonni qabatanii gara mana woyyu'uu dhufan fuudha'aa horii san fida'aa keessa buusan.

10Worri bulchoota gadootaatii fi worri waa barreessu ka mootichaa akka saanduuqa san keessa horiin guute haga argan fuudhanii qaraciitii guddaa keessa kaaya'aa turan.

11Horii san laakkayanii haga beekaniin maayessa worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsanitti kennan.

12Worra mana woyyuu Rabbii ka diiggame ijaaran worra dhagaa baqassu, muka manaan haarawoomsan, worra dhagaa bitanii fi akkasuma meeshaa waan gara garaatiif oolu maraafuu kenna'aa turan.

13Garuu horiin mana woyyumma'aa haa ijaarani'iif kenname meeshaa mana woyyuu Rabbiitiif ta'u xuwwee birrii irraa hojjatame, Qadhabaa, Keree, Xurumba'aa fi meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatamu hin hojjanneen.

14Birriin sun maruu worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsaniif kennama.Mot. 2ffaa 22:7

15Worri mana woyyuu Rabbii ijaarsisan garuu amanamtoota waan ta'aniif eennullee isaan hin tooyatu ture.Ser. Lew. 7:7

16Horiin waan ciincaa yakkaatii fi waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu gadootaa kennama malee saanduuqa mana woyyuu Rabbii keessa hin galu.

17Hennaa san mootiin biyya Sooriya'aa Azaahel biyya Geetii dhaqee lolee qabate; achiillee ka'ee Yerusaalemiinillee qabachu'uuf deeme.

18Waan Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa Iyyooraamii fi mootiin Akaaziyaas qulqulleessan waan ufii qulqulleessellee worri mana woyyuu Rabbiitii fi mana galmee mootumma'aa keessatti argame maraa fuudhee Azaahelii mootii biyya Sooriya'aatii ergee ufii garuu Yerusaalemitti hafe.

19Wonti mootichi Iyyoo'aas hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

20Kanaan maayessa garboonni isaa itti ka'anii karaa gara siila'aa fidu mana Miilo'oo keessatti ajjeesaniin.

21Isaan keessaa ilmi Sama'aatii Yoozaakaarii fi ilmi Shoomeerii Yoozaabaati isa dhayanii ajjeesanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame, bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help