Raajii Zakkaariyaasii 4 - Kitaaba Woyyuu

Mudhata Zakkaariyaas Waan Baattuu Ibsa'aa Arge

1Maleekkaan na woliin qaaqa'aa ture sun deebi'ee natti dhufee akka nama hirribaa dammassaniititti na dammasse.

2Wonti ati arga'aartu maali'i jedhee na gaafate; anillee akkana jedhee deebiseef «Ani baattuu ibsa'aa ka ibsaa torbaa qabu arga; gubbaa isaa irra ottee sayitii ejersaatitu jira; ibsaan torbanuu qaawa miseensa jirbi'ii ibsa'aa keessa darbu qaba.

3Baattuu ibsa'aa biratti mukkiin ejersaa lamaan ottee bita'aa fi mirgatti mudhata» jedhee isaa deebise.

11Ani ammallee akkana jedhee isa gaafadhe, «Munni ejersaa ka baattuu ibsa'aa bita'aa fi mirgaan dhaabatan kunniin fakkeenna maali'iiti?» Mudh. Yoh. 11:4

12Mukkiin ejersaa lamaan boobaa worqi'ii lamaan ka dhadhaan ejersaa keessaa jigu ladda jiran dameen muka ejersaa lamaan fakkeenna maali'iiti? jedhee gaafadhe.

13Innillee wonti kunniin maal akka ta'e hin beettuu?» anillee «Gooftaa kiyya hin beeku» jedheen.

14Innillee, «Kunniin namoota lamaan Rabbi muudee Gooftaa ardii maraa afoo dhaabatanii tajaajilan» naan jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help