1Saara'aan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba haga taateen maayessa biyya «Qiriyaati Arbaaqitti» duute.
2Biyyi sun Keebroonii Kana'aaniin keessa jirtu. Abrahaamillee guddisee gaddee Saara'aa booye.
3Abrahaam reeffa biraa ka'ee
4«Ani nama baqatee isinitti gale lafa awwaalaa naa kennaa'a reeffa haadha manaa tiyyaa itti awwaaladhaa» jedhee ijoollee Keexi'ii gaafate. dhibba afur ta'a, tun anaa fi si'i jiddu'utti maali'i? reeffa haadha manaa teetii awwaaladhu» jedhee deebiseef.
16Abrahaamillee waan Eefroon jedheen dhagayee waan ijoollee Keexi'ii afo'otti isaan jedhe saqilii dhibba afurii laakkayee Eefroonii kenne; akkuma worri waa bitee gurguru godhu godhe.
17Qonni Eefroonii ka Maammiree afo'oo ka Abrahaamii ta'e; qonni isaa, gonni qonna bira jiru, munni naannoo lafa qonnaa jiru maruu
18ijoollee Keexi'iitii fi worra qachattii san keessa jiraatan maraa afo'otti ristii Abrahaamii ta'ee mirkanaaye.
19Kanaan maayessa Maammiree Keebroon jedhamtu afo'otti qonna lafa biyya Kana'aanii goda daangaa lafa qonnaa keessatti reeffa Saaraa haadha manaa ufii awwaale.
20Kanaafuu qonninii fi gonni daangaa lafa qonnaa jiru ka ijoollee Keexi'ii ristii lafa awwaalaa ka Abrahaamii ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.