Kitaaba Iyyoobii 35 - Kitaaba Woyyuu

1Eelihu ammallee akkana jedhe,

2«Iyyoob! ani Rabbiin afo'otti qajeela'a jechuun kee

sirrii sitti fakkaataa? kun qajeellummaa akka ta'e yaaddaa?

3Ati, ‹cubbuu hojjachuu dhabuu kiyyaan maal fayyadama?

maal argadhalle'e?› jettee isa gaafatteerta ta'a.

4Ani si'ii fi worra si woliin jiran

goshoo keetii deebii hin deebisa.

5«Mee ol jedhii gara sami'ii laali;

duumessa sii ol fagaatee jirullee laali.

6Uduu cubbuu hojjattee Rabbiin maali'iin miita?

uduu yakkallee baay'iftee maal gootaan?

7Uduu qajeelaa taatee maal kennitaaf?

harka keetiillee maal fudhata?

8Nama akka keetii hammeenni hin miidha;

yoo hujii mishaa hojjattee nama fayyadda.

9Sababaa gad qabbiin itti baay'ateef namoonni hin iyyan;

irree jajjabootaa jalaa bayu'uuf gargaarsaaf iyyatan.

10Ka akkana jedhu garuu hin jiru;

Rabbi uumaan kiyya eessa jira?

ka halkaniin faaruu kennu;

11ka busaayaa lafaa caalaa nu barsiisu,

ka simbirroota sami'ii caalaa ogeeyyii nu taasisu inni meeti?

12Namoonni sababaa worra hammeeyyi'iitii fi

worra uf jajuutiif iyyan;

inni deebii isaanii hin deebisu.

13Dhugamaan Rabbi iyya duwwaa iyyan hin dhagayu;

Waandhi maraa danda'u isaan hin caqasu.

14«Iyyoob! yoma haga feete ‹Rabbiin hin argu› jettellee

hajaan kee isa bira waan jiruuf

obsaan isa eeguu si barbaachisa.

15Eeganaa Rabbi lola ufiitiin waan hin balleessine;

hammeenna namaallee lash jedhee waan lufu seetaa?

16kanaafuu Iyyoob! ati akkanumaan duwwaa haasaya baay'eessita;

beekkumsa malee dubbii duwwaa odeessita.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help