Raajii Ermiyaasii 42 - Kitaaba Woyyuu

Baniin Akka Ermiyaas Rabbiin Isaanii Kadhatu Gaafatan

1Bulchoonni loltootaa, Yohaanaan ilmi Qaareha'aa, Azaariyaas ilmi Hoshaaya'aatii fi baniin maruu diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya dhufanii ana Ermiyaasiin akkana jedhan,

2«Yabo'oo waan nu si gaafannu nuu godhi! nu worra baqa irraa hafne maraafuu Rabbii Waaqa kee nuu kadhadhu! nu armaan dura heddu turre, amma garuu akkuma nu arga'aartu kana nu namoota hafeeru.

3Kanaafuu Rabbi Waandhi kee karaa kam akka deemuu nu barbaachisuu fi maal akka godhuu nu barbaachisu akka nutti mudhisu nuu kadhadhu»

4Anillee, «Misha'a; akkuma isin gaafattan Rabbii Waaqa keessan isinii kadhadha; waan inni natti mudhise maraa uduu waan tokkollee isin jalaa hin dhossine isinitti hima» jedhee isaanii deebise.

5Kanaan maayessa isaan akkana naan jedhan, «Yoo ajaja Rabbi Waandhi kee karaa keetiin nu ajaje maraa raawwachuu dinnee dubbii isaatii ajajmuu dhabne inninuu ragaa amanamaa dhuga'aa nutti haa ta'u!

6Mishaa ta'ee'e, ta'uu baateellee dubbii Rabbii Waaqa keennaatii hin ajajamna; wonti nu gara isaa si erginuuf yoo nu ajaja Rabbii Waaqa keennaa kabajjine wonti maruu nuu ta'a jenneeti»

Deebii Rabbi Kadhaa Ermiyaasiitii Deebise

7Rabbi guyyaa kudhaniin maayessa natti dubbate;

8Kanaafuu ani Yohaana'aa fi bulchoota loltootaa ka isa woliin jiran, banii maraa diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya akka dhufan ufitti waamee;

9akkana isaaniin jedhe, «Rabbiin Waandhi Israa'elii ka isin akka ani kadhaa keessan itti isinii dhiyeessuuf na ergitan akkana jedha,

10‹Uduu isin ka biyya kana keessa jiraattaniitii deebisee isin ijaara malee isin hin diigu, isin dhaaba malee isin hin buqqisu, badiin ani isinitti fide guddisee na gaddisiiseera.

11Akka amma sodaata'aartan kana ammaa achi mootii Baabiloonii hin sodaatinaa'a; ani waan isin woliin jiruuf hunna isaa jalaa isin baasa.

12Ani garaa isinii laafa; innillee akka garaa isinii laafee biyya teessanitti isin galchu taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.›

13«Garuu yoo Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu diddanii biyya tana keessa hin teennu jettan,

14Akkasuma isin yoo ‹Gara biyya lolli hin jirree hulee meeshaan shaka shaka jedhu itti hin dhagayamneetii fi gara biyya Misirii ta beelli hin jirre dhandhee jiraanna› jettan,

15Isin worri Yihuudaa keessatti haftan! waan Rabbi waan keessaniif dubbatu caqasaa'a; Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii ‹Yoo biyya Misirii dhaxxanii jiraachu'uuf murteeffattan;

16Lolli isin sodaattan sun isin irra gaya; beelli isin sodaattanillee isin faana deema; biyya Misirii san keessatti duutan.

17Worri dhaqanii biyya Misirii keessa jiraatu'uuf murteeffatan lola, yookaan beela yookaan bala'aan dhuman; isaan keessaa namni tokko hin hafu; balaa ani isaanitti fidu'uuf karoorfadhe jalaallee namni miliqee bayu hin jiru›

18«Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Yoo biyya Misirii deemna jettanii murteeffattan akkuma armaan dura aari'ii fi lolli kiyya banii Yerusaalemii irratti bu'e akkasuma isin irrattillee hin bu'a; isin banii maraafuu worra adabbii hamaa nama sodaachisuun adabame taatan.› »

19-20«Isin banii Yihuuda'aa worri baqa irraa haftan! hennaa isin gara Rabbii na ergitan waan inni nu ajaje maraa hin raawwannaa nutti himi jettanii dubbii hin raawwannee waadaa galtanii dogoggora guddaa hojjattaniirtan; ammallee Rabbi gara biyya Misirii hin deeminaa'a jedhee waan isin dhooggeef, anillee ajajuma kana adha akka sirrii ta'e ibsee isin seera.

21Ani adha deebii isinitti hime, isin garuu dubbii Rabbi Waandhi keessan akka isinitti himuuf natti hime maraaf hin ajajamne.

22Kanaafuu isin amma hulee dhaxxanii jiraachu'uuf taatanitti lola, beelaa fi bala'aan akka duutan beekaa'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help