Kitaaba Iyyaasu'uu 10 - Kitaaba Woyyuu

Aduun Dhaabatte

1Mootii Yerusaalemii Adoonitsedeq akka Iyyaasuun Gaayiin qabatee sirima akka isii balleesse, waan Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii irratti godhe, akkasuma waan Gaayii fi mootii isi'ii irratti godhe, akka namoonni Gabaa'oonii worra Israa'elii woliin wolii galtee nagayaa akka godhatanii fi isaan woliin akka jiraatan hennaa dhagaye,

2qachattiin Gabaa'oonii qachoota moototaa keessaa qachaa guddoo Gaayiin caalte waan taateef namoonni isi'ii maruu jajjabaa waan ta'aniif guddisee isaan sodaate.

3Kanaafuu mootiin Yerusaalemii Adoonitsedeq gara mootii biyya Keebroonii, Hoohamii, gara mootii biyya Riimuutii, Phiri'aamii, gara mootii biyya Kiiso'oo Yaafi'a'aa, Adoolaamiitii fi gara mootii Daabeerii erge.

4«Kootta'aatii Gabaa'oon waan Iyyaasu'uu fi ijoollee Israa'elii woliin wolii galaniiraniif isaaniin lollaa na gargaaraa'a» jedhe.

5Mootonni worra Amoorotaa shanan mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii, mootiin Riimuutii, mootiin Laaksoonii fi mootiin Adoolaamii loltoota ufii maraa woliin wol gayanii bayanii Gabaa'ooniin woliin wol lolu'uuf isii marsanii lola itti banan.

6Namoonni Gabaa'ooniillee gara Gelgelaa Iyyaasuun itti quphateeruu erganii, «Nu garboota tee gargaaru'uuf harka kee nu irraa hin deebisin; mootonni worra Amoorotaa ka biyya gaaraa jiraatan maruu nu marsaniiranii daddafii gara keenna koottuu nu gargaarii nu hambis!» jedhaniin.

7Kanaafuu Iyyaasuunii fi duulli isa woliin jiran maruu worri hunna qaban jajjabeeyyiin maruu Gelgelaa keessaa bayan.

8Rabbi Iyyaasu'uun «Isaan harka keetitti dabarsee sii kenneeraa isaan hin sodaatin, isaan keessaa namni tokkollee ka si danda'u hin jiru» jedheen.

9Iyyaasuun Gelgela'aa ka'ee halkan guutuu deema'aa bulee dimmaa isaanitti dhufe.

10Rabbi Israa'eliin afo'otti isaan naasise, Gaabooniitti isaan rukutee karaa cinaa goodda Beetihooriitiin isaan ari'ee Azeeqa'aa haga Maqeeda'aatitti isaan fixe.

11Isaan ijoollee Israa'elii jalaa dheessanii uduu dhooqa Beetihoorii gad bu'an haga isaan Azeeqaa gayanitti Rabbi samii irraa baradaa dhaga'aa gugurdaa isaan irratti roobsinaan dhuman; worra ijoolleen Israa'elii guraade'een ajjeesan caalaa worra dhagaa barada'aatiin dhumantu caala.

12Guyyaa Rabbi worra Amoorotaa harka ijoollee Israa'eliititti dabarsee kenne, Iyyaasuun ijoollee Israa'elii afo'otti Rabbiin «Aduun Gabaa'ooniin irratti, addeessi dhooqa Eeloonii irratti haa dhaabatuu» jedheen.

13Kanaaf baniin haga diintota ufii haluu bayanitti aduun hin dhaabatte, addeessillee bakka jiruu uduu hin sochoone ture; wonti kun kitaaba Yaashaarii keessatti barreeffameera; guyyaa san aduun samii wodhakkaa dhaabatte; guyyaa guutuu uduu hin sochoone oolte.Sam. 2ffaa 1:18

14Rabbi Israa'eliif waan loleef, guyyaan Rabbi jecha namaa itti dhagaye, guyyaan akkasii achiin duraa fi achiin maayessallee hin turre.

15Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Gelgela'aa gara qe'ee ufii dacha'an.

Iyyaasuun Mootota Amoorotaa Shanan Ajjeese

16Mootonni shanan kunniin dheessanii goda Maqeeda'aatitti dhokatanii turan;

17Iyyaasu'utti mootonni shananuu goda Maqeeda'aatitti dhokataniiran jedhanii himan.

18Iyyaasuunillee akkana jedhee isaan ajaje «Afaan godaatitti dhagaa gugurdaa gangalcha'aatii namoota eegan itti godhaa'a;

19isin garuu achi hin turinaa'a, diintota keessanillee ari'aa'a, worra duubaan jiranillee ajjeesaa'a; Rabbi Waandhi keessan dabarsee waan isinii kenneeruuf gara qachoota ufii deebi'anii akka hin galle dhooggaa'a» jedhe.

20Iyyaasuunii fi ijoolleen Israa'elii akka malee dhayaanii haga isaan balleessaniin maayessa worri isaan jalaa miliqan gara qachaa dallawamtee seenan;

21baniin maruu gara hulee Iyyaasuun itti quphateeruu gara Maqeeda'aa nagayaan deebi'an; ijoollee Israa'eliititti namni uggee arraba ufii sochoose tokkollee hin jiru.

22Achiin maayessa Iyyaasuunillee, «Balbala godaa bana'aatii mootota shanan sanniin gad baasa'aatii natti fidaa'a» jedhe.

23Kanaaf mootota shanan Yerusaalemii, mootii Keebroonii, mootii Yaarimii, mootii Laakisoo mootii Adoolaamii goda keessaa gara isaa isaan baasan.

24Hennaa isaan mootota sanniin gara Iyyaasu'uu baasan, Iyyaasuun namoota Israa'elii maraa waamee bulchoota loltootaa worra isa woliin deeman as kootta'aatii mootota kanniin lukaa fi morma isaanii irra ijjadhaa'a isaaniin jedhe; isaanillee gara isaa dhufanii morma mootota sanniinii irra ijjatan.

25Iyyaasuun worra ufiitiin, Rabbi diintota isin loltaniin maraa akkasuma waan godhuuf hin sodaatinaa'a, hin nayinaa'a, jabaadhaa'a, dhaabadhaa'a isaaniin jedhe.

26Achiin maayessa tumanii isaan ajjeesanii muka shanan irratti isaan fannisan; haga galgalaa mukuma sanniin irra turan.

27Haga aduun dhiite Iyyaasuun isaan ajanyaan muka irraa buusanii goduma qara isaan itti dhokatanitti reeffa isaanii gatanii dhagaa guddaa fuudhanii afaan boollaa kaayan; dhagaan sun haga adhaa afaan boollaa irra jira.

Iyyaasuun Lola Hin Dhaabne

28Guyyaa san Iyyaasuun Maqeedaa qabatee isi'ii fi mootota isi'ii guraade'een fixe; worra isii keessa jiran maraa sirima balleesse; hin fixe, isaan keessaa tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe akkasuma mootii Maqeeda'aallee godhe.

29Achiin maayessa Iyyaasu'uu fi worri Israa'elii maruu Maqeeda'aa gara Libina'aa deemanii Libinaallee akkasuma balaa itti buusanii dhayan.

30Rabbi isi'ii fi mootii isi'iillee dabarsee Israa'elii kenne; isi'ii fi waan isii keessa jiru maraa guraade'een fixe, isii keessatti waan tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe, mootii Liibina'aallee godhe.

31Achiin maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Libina'aa gara Lakisoo dhaqanii marsanii dhayan.

32Rabbi Lakisoo harka isaaniititti dabarsee kenne; isaanillee guyyaa lammeesso'ootitti isii qabatan; waanuma Liibinaa irratti godhan isi'ii fi waan isii keessa jiru maraa guraade'een fixan.

33Hennaa san mootiin Geezeerii Hooraam Lakiisoon gargaaru'uuf baye; garuu Iyyaasuun eennullee uduu hin hafne isaa fi banii isaa maraa dhaye.

34Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Lakisoo gara Adoolaamii deemanii marsanii isii dhayan.

35Guyyama san qabanii guraade'een dhayan; akkuma Lakisoon godhan mara worra isii keessa jiraatan maraa guyyama san isaan maraa ajjeesan.

36Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Adoolaamii gara Keebroonii dhaqanii isii dhayanii qabatan.

37Isi'ii fi mootota isi'ii, qachoota isi'ii maraa, worra isii keessa jiraatan maraa guraade'een dhayan; akkuma Adoolaamiin godhan isaan keessaallee eennuunillee hin hambifne; isi'ii fi worra isii keessa jiraatan maraa sirima balleessan.

38Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Daabeerii dhaqanii dhayan.

39Isi'ii fi mootota isi'ii, qachoota isi'ii qabatanii guraade'een dhayan. Waan isii keessa jiru maraa sirima balleessan; womaa hin hambifne; akkuma Keebrooniin, Libina'aa fi mootii isi'iillee godhan, akkasuma Daabeerii fi mootii isi'ii irrattillee godhan.

40Akkuma kana Iyyaasuun lafa maraa, lafa biyya gaaraa maraa, lafa dhooqaatii fi mootota isi'ii maraa tokko uduu hin hafin dhaye; akkuma Rabbi Waandhi Israa'elii isa ajaje waan lubbuu qabu maraa sirima balleesse.

41Iyyaasuun Qaadesii Barne'eetii haga Gaaza'aa, biyya Goosoomiitii haga biyya Gabaa'oonii maraa dhaye.

42Rabbi Waandhi Israa'elii worra Israa'eliitii waan loleef Iyyaasuun mootota kanniin maraa lafa isaaniillee hennaa tokkoon qabate.

43Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Gelgelaa hulee itti quphatanitti deebi'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help