1Baniin ijoollee Israa'elii maruu Seelo'otti wol gayanii achitti daasee wol gayi'ii dhaaban; baniin biyya saniillee cadhisee isaan jalatti bule.
2Ijoollee Israa'elii keessaa worri lafa hin qoodamne gosa torbatu hafe.
3Iyyaasuunillee ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe, «Lafa Rabbi akka dhaaltaniif isinii kenne itti galu'uuf haga yoomii lash jettan?
4Gosa maraa keessaa namoota sadihi sadihi filadhaa'a; anillee isaan erga, isaanillee ka'anii biyyattii irra naannayanii haga qooda lafa isaanii galmeessanii gara kiyya haa deebi'anii.
5Bakka torbatti haa qoqqoodanii; Daangaan isaanii gara bita'aatiin Yihuudaa'a, daangaa gara mirgaatiin worra Yooseefiititu jiraata.
6Isinillee barreeffama lafa bakka torbatti qoodan san gara kiyya fidaa'a; anillee Rabbii Waaqa keenna afo'otti hixaa isinii buusaa.
7Garuu worri Leewwotaa gadoota Rabbii waan ta'aniif isin biratti lafa hin qaban; Gaadi, Roobeel, gofti Minaase'ee wodhakkaan laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutitti lafa isaanii ka garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne fudhataniiran» jedhe.
8Achiin maayessa namoonnillee achii ka'anii deeman Iyyaasuun namoota lafa galmeessu'uuf deeman sanniiniin, «Deema'aa lafa naannaya'aatii galmeessa'aatii gara kiyya fidaa'a; anillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isinii buusaa» jedhee isaan ajaje.
9Namoonnillee deemanii lafa naannayanii akkuma qachaa isaaniitiin bakka torbatti qoodanii galmeeffatanii gara Seelo'oo hulee Iyyaasuun itti quphateetitti deebi'an.
10Iyyaasuunillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isaanii buusee achitti Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii qoode.
Lafa Biiniyaamiif Kennan11Hixaan gosa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye; hixaan isaanii worra Yooseefiitii fi worra Yihuuda'aa jidduu ta'e.
12Daangaan lafa isaanii gara mirgaatiin laga Yoordaanosii bira gaya; daangaan lafa isaanii gara Iyyaariko'ootiin haga worra gara mirgaatiin jiranii gaya; achiillee ka'ee haga biyya gaaraa haga dhiyaa gaya; karri bayaniinillee gara lafa gammoojjii Beti'awweeniiti.
13Gara bita'aatiin daangaan isaanii gara Loozaa Beeteel jedhamtuu gaya; gara bita'aatiin daangaan isaanii Beetihooroonii gadiin, gara Axaaro'adaariititti gad bu'a.
14Daangaan isaanii gara dhiyaatiin Beetihooroon afo'oon gara gaara bitaa irra jiruutiin naannaya; karaan isaan bayaniin gara qachaa Yihuuda'aa ta gara hulee Qiritiyi'aariim jedhamtuutiin; daangaan kun gara dhiyaatiin,
15gara bita'aatiin daangaan Qiriyaatiyi'aariim daangaa dhumaati; gara dhiyaatiin haga burqaa bisaanii ka Naaftoo jedhamuu gaya.
16Daangaan isaanii gaara dhooqa ilma Heenoomii afoo jiruu gaya; kunillee dhooqa Raffaayimii ka gara mirgaatiin jiruuti; gara bita'aatiin gara dhooqa daangaa Heenoom Iyyaabuusii biraan gara Ayinaroogeelii biraan gad bu'a.
17Gara Mirgaatiin lufee burqaa Beetisaamisiititti irra bayee, goodda Adumiimii afoo jiruun gara Geelilooti, gara dhagaa Boohanii ilma Roobeelii gad bu'a.
18Gara mirgaatiin haga lafa Arabaa gaya.
19Daangaan achii ka'e Beetihoogla'aa gara worra gara mirgaa jiruu lufa; karri bayaniinillee dhuma laga Yoordaanosii ka galaana sooqiddaa ka Lissaan jedhamu biraan; kun daangaa gara bita'aati.
20Gara baya biiftu'uutiin daangaan lafa sanii Yoordaanosi; kun daangaa lafa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin ture.
21Qachoonni ijoollee Biiniyaamii Iyyaarikoo, Beetihooglaa, Amaqaasisi,
22Beeti Arabaa'a, Zamaaraayiim,
23-24Beeteel, Awiim, Faaraa, Eefraataa, Kifri'amonaayi, Oofnii, Gaabaa, qachoota kudha lamaa kanniinii fi gandoonnillee achi keessa jiran.
25Lafti ijoollee Biiniyaamii akkaataa gosa isaaniitiin Gabaa'oon, Raamaa, Bi'eerooti,
26Mitsiphaa, Kaafiraa, Amooqi,
27-28Reeqeem, Yiriphi'eel, Taraalaa, Teelaa, Eleef, Qiriyaatigibi'aati, qachaa Iyyaabusii ta Yerusaalem jedhamtu qachoota kudha sadihii fi gandoota kanniin ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.