1Yaa Yerusaalem!
ifti kee sii dhufeeraa ka'ii ibsi;
ulfinni Rabbii si irratti ifa.
2Dukkanti lafa, dukkanti jaamaan garuu banii golga;
si garuu ulfinni isaa si irratti ifa;
ulfinni isaallee si irratti mudhata.
3Baniin gara ifa keetii,
mootonnillee gara ifa barii keetii dhufan.
4Ol jedhii waan naannaya kee jiru laali!
maruu wol gayanii gara kee dhufan;
ijoolleen tee ta dhiiraa biyya fago'ootii dhufan;
ijoollee tee ta intalaallee
worri isaan guddisu harkatti ammatanii sii dhufaniin.
5Ati hennaa kana argite fuulli kee guddisee ifa;
eebbi galaana keessaa argamuu fi qabeenni banii irraa dhufu
maruu waan kee ta'uuf argitee gammadda.
6Gaallan biyya Miidiyaamiitii fi biyya Eefa'aatii dhufan;
biyya keessan keessa guutan;
worri biyya Saaba'aatii worqi'ii fi
hixaana qabatanii dhufan maruu
laagaa ufii ol qabatanii Rabbiin galatoonfatan.
7Tinni hoolotaa ka biyya Qeedaarii maruu gara kee dhufan;
korbeeyyiin hoolotaa ta biyya Nabaayootii ciinca'aaf si fayyadan;
hulee ciinca'aa irratti ciincaa dhiyeessu'uufillee hin jaalataman;
Ani mana kiyya woyyuu kabajjamaa hin bareechisa.
8Kunniin worri akka duumessaatii fi
akka handarii hedduu
ka maandhee ufii irra bararanii ta'an eennu fa'a?
9Rabbi Waandhi woyyichi Israa'elii
waan isin kabajjeef, ulfinna isaatiif jedhanii
huleen bisaaniin marfamte ijoollee teessan birri'ii fi
worqii isaanii woliin
biyya fago'ootii fidu'uuf
worri markaba oofu ka biyya Tersesiillee na eeggatan.
10Ani aaree si adabee ture;
amma garuu garaa sii laafa;
baniin ormaa dallawwan kee sii ijaaran;
mootonni isaaniillee sii hojjatan.
11Qabeenna bani'iitii fi mootota isaanii fidu'uuf
balballan kee hin banaman malee hin cufaman.
12Baniinii fi mootonni si jalatti hin bulle garuu sirima badan.
13Birbirsi Libaanosi ka biyyaa gaachena ta'an;
qaraaru'uu fi hindheessa
mana woyyuu kiyyaan midhaassu'uuf gara kee fidan;
anillee hulee miilli kiyya ejjatu hin kabajja.
14Ijoolleen ijoollee worra si miidhanii
yoo gara kee dhufan gad jedhanii nagaya si gaafatan;
worri si tuffate maruu luka kee jalatti jilbiiffatan;
isaan «Tsiyoonii qachaa Rabbii woyyuu
Israa'elii» siin jedhan.
15Ati armaan dura ta jibbamtee fi ta gatamte
ta eennullee si keessa hin baane taatullee
ta baraa haga bara baraa dhaadataniinii fi
ta itti gammadan si taasisa.
16Akkuma ijoolleen harma haadhaa hootu
ijoolleen tee qabeenna bani'iitii fi
ka moototaa fudhatanii itti fayyadaman;
ati akka ani Rabbi fayyisaa gargaaraa kee ta'ee fi
Waaqa Yaaqoobii jabaa akka ta'e beetta.
17Ani bikka sibiila diima'aa worqii'i,
bikka sibiilaa meetii,
bikka mukaa sibiila diimaa,
bikka dhaga'aa sibiila fida;
nageenni akka si masakku;
qajeellummaan akka si bulchu sii kenneera.
18Ammaa achi biyya keetitti laagaan badi'ii,
daangaa biyya keetiitittillee hammeenninii fi
badiin hin dhagayamu;
dallawwan keetiin na oolchitan
balballan keetiin galata keessan jettaan.
19«Ammaa achi guyyaa aduun,
halkan addeessi sii hin ifu;
garuu Rabbi ifa kee
Waandhi kee ulfinna sii ta'a.
20Rabbi ifa kee ka bara baraa waan sii ta'uuf
aduun sitti hin dhiitu; addeessillee ifa ufii si hin dhooggattu;
barri rakkinna keetii hin dhaabata.
21Baniin kee worra balchaa ta'an;
biyya kee baraa haga bara baraa dhaalan;
akka na galatoonfataniif ka isaan uumee fi
ka bakka isaan buusellee ana.
22Isaan keessaa worri hagoon banii guddaa
kumaatamatti laakkayaman qabaatan;
isaan keessaa worri dadhabaan jajjabaa ta'an;
Ani Rabbi waan kana
akka daddafee raawwatu godha.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.