Raajii Amootsii 7 - Kitaaba Woyyuu

Mudhata Dhufa Awwaannisaa Ibsu

1Rabbi Gooftaan mudhata kana natti mudhise; midhaan mootichaa ka gaye haga haamameen maayessa midhaan gabo'oo ka deebi'ee biqile irratti Rabbi akka tuunni awwaannisaa bu'u godhe.

2Isaan akka awwaannifni marga lalise maraa dheedanii fixan hennaa arge, «Rabbii Gooftaa'a! yabo'oo yakka banii keetii dhiisi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabatanii jiraachuu danda'an?» jedhee kadhadhe.

3Rabbi garaa isaanii laafee «Wonti ati argite kun hin raawwatamu!» naan jedhe.

Mudhata Adabbiin Ibiddaa Akka Dhufu Mudhisu

4Mudhanni biraa ka Rabbi Gooftaan natti mudhise kana; Rabbi Gooftaan murtii adabbii ibiddaa dabarse; ibiddi sun galaana nyaatee haga gosseen maayessa lafa gubuu jalqabe.

5Ani hennaa san, «Rabbi Waaqa kiyya! yabo'oo akka ibiddi dhaamu godhi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabachuu danda'an?» jedhee kadhadhe.

6Rabbillee garaa isaanii laafee «kunillee lammata hin raawwatamu» naan jedhe.

Tumbii (Meeshaa Akka Dhaabni Manaa Qajeele Bikkaniin)

7Rabbi mudhata biraa natti mudhise; Rabbi dallawa dhaga'aa ka meeshaa ijaarsa manaa bikkanii ijaarame bira ka dhaabateeru arge; inni tumbii harkatti qabateera.

8Inni, «Amootsi! wonti ati arga'aartu maali'i?» jedhee na gaafate. Anillee «Tumbi'i» jedheen. Gooftaanillee «Baniin kiyya Israa'el akka dallawa Tumbi'iin qajeelee hin ijaaramnee worra daban ta'anii waan mudhataniif tumbiin kun fakkeenna dabnana Israa'elii mudhisu; ani uduu isaan hin adabne hin dhiisu.

9Huleen sagadaa gugurdaan ka ilmaan ijoollee isaa hin diiggama; huleen woyyuun Israa'eliillee diiggamanii ona ta'an; ani mootummaa Iyyoorbi'aamii sirima balleessa» naan jedhe.

Amootsii Fi Ameesiyaas

10Ameesiyaasiin gadichi Beeteelii ergaa gara Iyyoorbi'aamii mootii Israa'elii «Amootsi banii Israa'elii keessa taa'ee sitti malata'aara; baniin dubbii isaa obsuu hin danda'an.

11Innillee, ‹Iyyoorbi'aam lola keessatti du'a; baniin Israa'eliillee biyya ufii keessaa booji'amanii deeman jedha› jedhee» erge.

12Ameesiyaas Amootsiin, «Ati abbaa mudhataa! gara Yihuuda'aa deemiitii achitti raaga dubbata'aa waan ittiin jiraattu argadhu.

13Beeteel ammo ka mootichi itti sagaduu fi mana woyyuu bani'ii waan taateef hulee kanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.

14Amootsillee, «Ani nama horii tissuu fi ka daraaraa oda'aa guuratu malee raagaa yookaan ilma raattichaatii miti.

15Garuu hulee ani hoolota itti tissuu na fuudhee ka ‹Deemii banii kiyya Israa'elitti raaga dubbadhu› jedhee na ajaje Rabbuma.

16Ati ammallee dubbii Rabbi jedhu dhagayi; ati Israa'elitti raaga hin dubbatin; banii Israa'elii ka fiixaa Yisaaqii ta'anittillee hin lallabin» jettee na dhooggiteerta.

17Kanaafuu Ameesiyaas! «Rabbi waan keetiif ‹Haati manaa tee qachaa keessatti seebarti; ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa lolaan du'an; ristii keellee worri ormaa haada itti buufatanii adda qoodaman; atillee worra Yihuudii hin taane keessatti duuta; baniin Israa'elii mamii malee biyya ufiitii fudhataman› jedha» jedhee deebiseef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help