Kitaaba Faaru'uu 150 - Kitaaba Woyyuu

Rabbiin Galatoonfadhaa'a!

1Halee luyaa!

Rabbiin mana woyyumma'aa keessatti

isa galatoonfadhaa'a!

samii hulee hunni isaa maalalchiisaan jirutti isa galatoonfadhaa'a!

2Waan hujii isaa maalalchiisa'aatiif isa galatoonfadhaa'a;

guddinna isaa ka haga hin qabneef isa galatoonfadhaa'a.

3Xurumba'aan isa galatoonfadhaa'a;

kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi

masiinqo'oon isa jajaa'a.

4Dibbe'ee fi shubbisu'uun isa jajaa'a;

meeshaa faaru'uu kiraaraa fi booba'aan isa galatoonfadhaa'a;

meeshaa laagaa misha'aatiin isa jajadhaa'a.

5Meeshaa laagaa bareeda'aa ka shaka shaka jedhuun isa galatoonfadhaa'a.

6Jiraattonni maruu

Rabbiin galatoonfadhaa'a;

Halee luyaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help