1Biiniyaam ijoollee dhiiraa shan uumate; isaan akkuma umurii isaaniitiin Beelaan, Asbeel, Ahaaraa,
2Nohaana'aa fi Raafaaniin fa'a.
3Fiixaan Beela'aa Adaar, Geeraa, Abihuud,
4Naa'imaa, Ahowaa,
5Geeraa, Safuufaa, Huuraaniin fa'a.
6Fiixaan Eehudii Naa'imaa, Ahaaya'aa fi Geeraa fa'a.
7Isaan maatii duraan Gibi'aa keessa jiraatanii fi worra achiin maayessa hulee sanii baqatanii gara Mihaanaayii dhaqanii jiraataniif bulchoota turan; namni achi isaan fide Geeraa abbaa Uuza'aatii fi abbaa Ahihuudiiti;
8Shahaaraayim haawwota manaa lamaan ufii ta Uushim jedhamtuu fi ta Baa'iraa jedhamtu haga baaseen maayessa
9biyya Moo'aabiititti ijoollee torbaa haadha manaa ufii Haadeeshiin irraa uumate; isaan Yoobaab, Dibiyaa, Maasee, Maalkaam,
10Yi'uuxi, Shakkiya'aa fi Mirmaa fa'a; ijoolleen isaa maruu bulchoota maatii ufii ta'an.
11Ammallee haadha manaa ufii ta Uushim jedhamtu irraa ijoollee dhiiraa lama Abixuubii fi Eelfi'aaliin uumate;
12Eelfi'aali Eebeer, Miishaam, Aano'oo fi Loodiin uumate; Shemeed nama qachoota Anoonii fi Lood jedhamtee waamamtuu fi gandoota naannoo isaaniititti argaman maraa ka ijaare.
Worra Biiniyaamii Ka Geetii Fi Ayaalooniin Keessa Jiraatan13Bari'aanii fi Shama'aan worra qachaa Ayaaloonii keessa jiraatan bulcha'aa turan; isaan worra biyya Geetii keessa jiraatan maraa hin ari'an.
14Fiixaan Bari'a'aa Ahiyuu, Shaashaaq, Yireemiti,
15-16Zibaadiyaa, Araadi, Eediri, Mikaa'eli, Yishaapha'aa fi Yoohaan fa'a ijoollee Bari'a'aati.
Worra Gosa Biiniyaamii ka Yerusaalemiin keessa Jiraatan17Ijoolleen Eelfi'aalii ta dhiiraa Zibaadiyaa, Meesulaam, Hisqii, Hebeer,
18Yishimiraayi, Yiziliya'aa fi Yubaabiin fa'a.
19ijoolleen dhiiraa ta Saama'ii Yaaqiimi, Zikkiri, Zabiidi,
20Eelenaayi, Xiltaayi, Eesi'eel,
21Adaayaa, Biraaya'aa fi Shimiraatiin fa'a.
22ijoolleen dhiiraa ta Sooleeqii Yishiphaan, Ebeer, Eeli'eel,
23Abdoon, Zikkiri, Hanaan,
24Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiyaa,
25Yifiidiya'aa fi Faanu'eeliin fa'a.
26Shamshiraayi, Shahaariyaa, Gotoliyaa,
27Yaareshiyaa, Eeliyaana'aa fi Zikkiri ijoollee dhiiraa ta Yeroohaamiiti.
28Kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessa jiraataniif bulchoota maatii ufii masakkaniif fiixaa isaanii ka dhiigaati.
Worra Gosa Biiniyaamii Ka Gabaa'oonii Fi Yerusaalemiin keessa Jiraatan29Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraate; haati manaa isaa ta Maa'ikaa jedhamtu yoo taatu,
30Ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen dhiiraa ta biraa Duur, Qiis, Ba'aal, Naadaab,
31Geedoor, Ahiyuu, Zaakeer fa'a biyya Gabaa'oonii keessa jiraatan.
32Miqilooti Saami'aa uumate; isaan obboleewwan ufii woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan.
Maatii Mooticha Saa'olii33Neeri Qiisiin uumate; Qiisi Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Milkisaa, Aminaadaabii fi Asa'aaliin uumate;
34Ilmi dhiiraa ka Yoonaata'aa Mariiba'aal Miikaa uumate;
35ijoolleen dhiiraa ta Miika'aa Piitoon, Meeleek, Taare'aa fi Akaaziin fa'a.
36Akaazi Yiho'aadaa uumate, Yiho'aadaan Alemeeti, Azmootii fi Zamirii uumate; Zamiri Mooxaa uumate;
37Mooxaan Bini'aaniin uumate, Bini'aan Raaffayaa uumate Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Aseeliin uumate;
38Aseel ijoollee dhiiraa jaha uumate, maqaan isaanii Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Haannaa fa'a.
39Obboleessi Aseelii hangaftichi Ulaan, lammeessoon Iyyaas, ka Sadeesso'oo Eelfalaatiin fa'a.
40Ijoolleen Eelaamii ta dhiiraa loltoota jannaa fi worra eboo darbatan turan; fiixaan isaanii maruu ijoollee dhibbaa fi shantamaa fi ijoollee ijoollee ufiillee hin qaban turan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.