Kitaaba Faaru'uu 8 - Kitaaba Woyyuu

Guddinna Rabbii Uumama Isaa IrrattiFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname ka booba'aan faarfatan

1Rabbi Waaqa keenna!

maqaan kee ardii maraa irratti guddisee ka jajame;

ulfinna kee maraa samii samootaatii ol taasifte.

2Diintota teetii fi worra gadoo qabatan cadhisiisu'uuf jettee,

afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu keessatti galata qopheessite.

3Samii ati uumte hennaa ol jedhee laalu,

ji'ootaa fi urjiiwwan hulee isaaniititti ati jabeessitee dhaabde

hennaa argu,

4Namni ati akkana yaadduuf kun maali'i?

ilmi namaa ka ati kunuunsitu kun

maaluma waan ta'eef?

5Yoo hagamillee diqqoo maleekkaa hanqifte,

gulloo ulfinnaatii fi ka gaachenaa itti uwwifte.

6Uumama ufii uumte maraa irratti isa muudde;

uumama maraa ol isa taasifte.

7Hoolotaa fi loowwan akkasuma bineensa bosonaa,

8Allaattiiwwan, qurxummii,

uumama galaana keessa deemu maraa isa jala taasifte.

9Rabbi Waaqa keenna!

maqaan kee ardii maraa irratti guddisee ka jajame!

ulfinna kee maraa samii samootaatii ol taasifte!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help