1 2Phex 3:13. Kanaan duubatti samii haarawaa fi arddii haarawa ni arge, samiin jalaqabaatii fi arddiin jalaqabaa'llee dabrranii jiran ture, garbi ciisaan'llee ammaa achitti hin jiraatu.
2Mul 3:12.Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,
3Akkana ka jedhu qooniqqi ol aanaan teesso'oo isaatii yoo bayu ni dhagaye, «Kunoo, bakki bulttii Waaqaa namootaan woliin, isaan woliin'llee ni jiraata, isaanii'llee ummata isaa ni ta'an. Waaqinni mataan isaatuu isaan woliin ni ta'a, Waaqa isaanii'llee ni ta'a.
4Imimmaan mara ija isaanii irraa ni haqa, seerri duraanii waan dabrreef duuti yookiin gaddi yookiin bootti yookiin makkaraarnni, ammaa achitti hin jiraatu.»
5Ka teessoo irra taa'ee jiru'llee, «Kunoo! Ani waan maraa haarawa ni taasisa!» ni jedhe, itti aansee'llee, «Dubbiin kun ka amanamee fi dhugaalessa waan ta'eef barreessi!» naan ni jedhe.
6Kanaan duubatti'llee akkana naan ni jedhe, «Raawwatamee jira! Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, ka dheeboteef bishaan burqqaa jireennaa irraa gatii tokko malee bilisaan ni kennaaf,
7injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a,
8garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.»
Yerusaalemii Haarofttittii9Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.
10Hafuuraan'llee gara gaara gudda'aa fi dheeraa tokkoo ana fideeniiti, magaalaan Qulqullittiin Yerusaalem Waaqa biraa sami'ii yoo buutu natti ni muldhise,
11ulfinna Waaqaatiin'llee ni ibisite ture, ifin ibisaa isi'ii'llee akka dhagaa gatiin isaa haalaan gudda'aati fi akka bilile'ee qulqulluu ka ta'e akka dooqa Yaasphisii ni ture,
12balballan kudha lamaan ka qabu kaloo kaabaa dhaga'aa dheera'aa fi ol aanaa ni qabddi ture, balballan isi'ii kudha lamaaniinuu, maleyikkoonni kudha lamaan dhabatanii ni eegan turan, balballan irratti'llee maqaan gosoota kudha lamaan Israa'eelii isaan irratti barreeffamee ni jira ture.
13Gara bayaatiin balballan sadihi, gara kaabaatiin balballan sadihii, kibbaan balballan sadihi, gara dhiyaatiin'llee balballan sadihii ni jira turan.
14Kaabaan dhaga'aa ka magaalatti'ii hunddeewwan kudha lamaa ni qaban ture, hundeewwan isaanii irratti'llee, maqaawwan ergamittoota kudha lamaanii barreeffamanii jiran ture,
15Maleyikkichi natti dubbate'llee magaalatti'ii fi balballan isi'ii, kaloo kaabaa dhaga'aa'llee ka ittiin bikku, ulee worqqi'ii ni qaba ture,
16magaalattiin'llee dheerinnaa fi baldhinni isi'ii wol qixa ka ta'e boca roga afurii ni qabddi ture, maleyikkichi'llee magaalattii ulee bikkiinssaatiin ni bikkeeti, dheerinni isi'ii haga kiloo meetira kuma lamaa fi dhibba afurii ni ta'e, baldhinni isi'iitii fi ol ka'iinssi isi'ii'llee haguma san ni ta'e,
17maleyikkichi'llee kaabaa kaloo dhaga'aa ni bikke, maleyikkichi'llee ka ittiin bikkuu meeshaa bikkiinssaa ka beekkameen, haga meetira torbaatamii lama ni ta'e,
18Kaabaan dhaga'aa'llee ka hojjatame Yaasphisiin irraa ture, magaalattiin'llee akka daawi'ite'ee ka qulqullaawome, worqqii Qulqullu'uun ka ijaaramtte turtte,
19hunddeewwan kaloo dhaga'aa ka magaalatti'ii'llee dhagaa adda addaa ka gatiin gudda'aa ta'eetiii bareedan ni turan, hunddeen jalqabaa Yaasphisiin, lammaffaa Sanpeer, sadaffaan Kaalqedoon, arfaffaan Maaragidii, sadaffaan kelqadoon, arffaffaan margiidiin,
20shanaffaan sardoniikisiin, jahaffaan saardiyoniin, torbaffaan, serdoonkisi, saddeetaffaan, birillee, sagilaffaan, tophaaziyon, kurnaffaan Kiristilobee, kudha tokkoffaan hiiyaakinxos, kudha lammaffaa Ametiisxosin ni ture.
21Balballan kudha lamaanuu dooqan kudha lamaan ni turan, tokkoon tokkoon balbalaa dooqa tokko irraa ka hojjatame ture, karaan magaalatti'ii'llee ifa daawi'te'ee akka ka dabarssuu, worqqii qulqulluu irraa ka hojjataman ture.
22Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine,
23ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.
24Ummatoonni ifa isi'iitiin ni dedeebi'an, nugusonni arddi'ii'llee ulfinna isaanii gara isi'ii ni fidan,
25magaalattii sanitti halkan waan hin jirreef, balbaloonni isi'ii guyyama kamittuu hin cufaman.
26Ol aanttummaan moototaatii fi ulfinni isaanii'llee gara isi'ii titti ni galan,
27wonitti balifisiisaa ta'e gonkumaa gara isi'ii titti hin galu, battummaa ka raawwatuu fi soba ka dubbatu, gonkumaa gara isi'ii hin galu, gara isi'ii titti ka galan, worra maqaawwan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolchaa irratti barreeffaman qofa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.