2 Gara Worra Qorontoosii 5 - Waadaa Haarawa

1Kun akka dukkaanaa ka yeroo ka ta'e foon keenna ka lafaa yoo diigamu, harka namaatiin uduu hin ta'in Waaqaan ka ijaarame mana jireennaa ka bara baraa sami'itti akka qabnnu, ni beekinna.

2Qaama sami'ii uffachuu hawwu'uun, ni tataafanna.

3Isa'llee yoo uffannu qullaa keenna taanee hin arggaminnu.

4Kana ka akka dukkaanii biyya lafaa ta'e foon keenna keessa yoo jiraannu nutti ulffaatee ni woyanna, ka woyyannu'llee duuti jireennaan akka jijjiiramu, qaama sami'ii caala'atti akka uffanuuf malee, foon keenna ka biyya lafaa kana irraa fooyamu'uuf, barbaadu'uunii miti.

5Waan kanaaf'llee ka nu qopheesse Waaqa, sanii oltti'llee waan nuuf kennu maraaf wobii akka nuuf ta'u, Hafuura isaa ka nu kenne'llee isa.

6Qaama keenna ka biyya lafaatiin haga yeroo jiruu titti Gooftaa irraa ka fagaanne ta'uu keenna yoma beekinne'llee, yeroo mara isaan ni abiddanna.

7Nu'u ka jiraannu'llee Gooftaa amanu'uun malee, isa laalu'uunii miti.

8Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.

9Foon keenna kana woliin yoo taane'llee yookiin isa irraa yoo fooyaminne'llee, kaayyoon keenna Gooftaa gammachiisu'u.

10Rom 14:10.Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna.

11Gooftaa sodaachuun maal ta'uu isaa waan beekinuuf namoota ni hubachiifnna, nu'u maal ta'uu keenna'llee Waaqinni ni beeka, isin'llee onnee teessanitti maal ta'uu keessan akka beekittan abddii ni taasisa.

12Ka onnee jiruun uduu hin ta'in waan mulidhatuun worri dhaadataniif deebii kennuu akka dandeettaniif, nu'uun akka dhaadattaniif carraa isiniif ni kennina malee, deebinee nu'u isiniif mataa keenna hin galateesinu.

13Maraattota yoo taane Waaqaaf jenneeti, worra sammuu qaban yoo taane'llee, isiniif jenneeti.

14Yeroo tokko Kristos maraafuu du'uu isaatii fi akkuma kana marrinuuu qoodamtoota du'a isaa ta'uu waan hubanneef, jaalalli Kristosii huji'iif nu ni dirqisiisa.

15Lubbu'uun ka jiran marrinuu isaanii ka du'ee fi du'aa'llee ka ka'eef akka jiraataniif malee, ammaa achitti mataa isaaniitiif jedhanii akka hin jiraanneef, Kristos maraafuu ni du'e.

16Ammaa achitti nu'u nama kamiinuu laalcha isaa ka fooniitiin hin laallu, kanaan durana Kristosiin'llee ka laaleen akka nama kamiituu laalcha fooniitiin yoo ta'e, ufi duranaaf garuu kana hin raawwannu.

17Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.

18Kun marri'llee ka ta'e nu mataa isaa woliin karaa Kristositiin ka nu araarise tajaajilallee ka nuuf kenne Waaqaan.

19Kun'llee Waaqinni karaa Kristositiin namoota biyya lafaa mara mataa isaa woliin ni araarsse jechu'u, balleessaa isaanii'llee isaanitti hin lakkoofnne, nu'uuf'llee nama Goofta'aan woliin ka ittiin araarssinu dubbii isaa nuuf ni kenne.

20Waaqinni namoota karaa keennaan waan waamuuf nu bakka bu'oota Kristositi, kanaaf, «Waaqaan woliin araaramaa!» jennee, maqaa Kristositiin isin ni kadhanna.

21Nu'u Kristosiin qoodamtoota qulqullaayota Waaqaa akka taanuuf, Waaqinni ka cubbuu hin qabnne Kristosiin, cubbuu keenna akka baadhatu ni taasiseen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help