1Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ta'u'uuf ka waamame Phaawulosii fi obboleessa keenna Sostenesiin irraa,
2 HuE 18:1. Magaalaa Qorontoosii titti ta argamttu woldaya amanti'ii ka Waaqaatiif, keessa isi'ii titti'llee Kristos Yesusiin worra qulqullaayanii fi worra qulqullaayomota akka ta'aniif waamamaniif, akkuma kana bakka marattuu isaanii fi nu'uu Gooftaa ka ta'e, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristosii worra waaman maraaf,
3Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
Galanni Waaqaaf4Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaa waan isinii kenneef sababa keessaniin, yeroo maraa Waaqa ni galateeffadha.
5Waan maraanuu haasayaan ta'ee beekkomissaan, Kristosiin duroomitanii jirttan.
6Ragummaan waayee Kristositiif isinitti himnne, isin biratti cimee dhaabattee jira.
7Kanaaf muldhachuu Gooftaa keenna Yesus Kristosii eeggachu'uun yeroo jiraattantti, kennaan hafuurayaan woyiituu isin irraa hin dhidhatu.
8Deebi'ee dhufaatii Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ashaa malee taatanii akka arggamttaniif, inni haga muumme'ee titti jabaattanii akka jiraattan isin ni taasisa.
9Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname.
Kristaanota Jiddutti Adda Qoodaminni Jiraachuun Akka Hin Malle10Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha.
11Yaa obboleeyyan! Jidduu keessan wol dhabbiin jiraachuu isaa, maatii Kole'ee irraa dhagayee jira.
12HuE 18:24.Kun'llee, isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phaawulosiiti, ani ka Apholosiiti, ani ka Phexirosiiti, ani ka Kristositi» ni jettan.
13Eegaa Kristos garagar qoodamee jiraa ree? Phaawulos hoo waayee keessaniif fannifamee jiraa ree? Yookiin ka cuuphamttan, maqaa Phaawulosiitiin moo?
14HuE 18:8; 9:29; Rom 16:23.Ani Qeeriisphosii fi Gaayosiin malee isin keessaa eennuun'llee waan hin cuuphiniif, Waaqa ni galateeffadha.
15Kanaaf, «Ana maqaa Phaawulosiitiin cuuphamttanii jirttan» jedhee, dubbachuu ka danda'u hin jiru.
161Qor 16:15.(Dhuga'a, maatii Isxifaanosiin'llee cuuphee jira, kanniiniin ala ani naminni cuuphe, jiraachuu isaa hin yaadadhu,)
17Kristos ka ana erge dubbii wongeelaa akka barsiisuuf malee akka cuuphuufii miti, fannoon Kristos tasa ta'ee akka hin hafinneef dubbii wongeelaa ka barsiisu, ogummaa haasaya namaa irraa argameenii miti.
Kristos Ogummaa Waaqaatii fi Huminna Ta'uu Isaa18Dubbiin fanno'oo namoota badaniif akka gowwumma'aa titti ni laakkayama, worra fayyinu nuu'uuf garuu huminna Waaqaati.
19«Ogummaa worra ogeessotaa ni balleessa,
beekkomissa worra falaasamootaallee ni dhabamissiisa» jedhamee barreeffamee jira.
20Eegaa, ogeessi eessa jira? barsiisaan seeraa eessa jira? qorataan hoo eessa jira? Waaqinni ogummaa biyya lafa tanaa gowummaa taasisee hin jiruu ree?
21Namoonni biyya lafa tanaa ogummaa mataa isaaniitiin Waaqa beeku'uuf akka hin dandeenne Waaqinni ogummaa isaatiin isaanitti ni cufe, garuu akka gowumma'aa titti ka laakkayamu wongeela nu'u barsiifinnutti worra amanan fayyisu'uuf, fedhiin Waaqaa ta'ee jira.
22Yoomuu Yihudonni baasa argu'uuf ni barbaadan, namoonni Giriikii ammoo ogummaa ni barbaadan.
23Nu'u garuu, Kristosii waayee keennaaf fannifamuu isaa ni barsiifnna, kun'llee Yihudotaaf gufanna'a, namoota Giriikiitiif ammoo gowumma'a.
24Worra Waamamaniif garuu Yihudotaa fi ta'ee namoota worra Giriiki'iitiif'llee, Kristos huminna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaati.
25Gowummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu ogummaa namaa ni caala, dadhabummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu'llee, huminna namaa ni caala.
26Yaa obboleeyyan! Waaqinni yeroo isin waametti namoota attamii akka turttan yaadadhaa, akka yaada namaa titti isin jiddu'uu baayi'eewwan ogeessota yookiin jajaboota yookiin namoota guguddoota hin turre.
27Waaqinni ogeessota saalfachiisu'uuf biyya lafaa titti akka gowootaa titti namoota laakkayaman ni filate, jajaboota'llee saalfachiisu'uuf jecha biyya lafaa keessatti worra akka dadhabddootaa titti laakkayaman filate.
28Waaqinni namoota biyya lafaa biratti ni jiran jedhamanii wonittoonni muldhatan akka waan hin jirree taasisu'uuf, biyya lafaa titti ka salphatee fi ka tuffatame tasa'llee ta'ee ka muldhatu ni file.
29Kana'llee ka taasiseef naminni kum'llee Waaqa duratti akka ufi hin dhaadanneef.
30Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.
31Eegaa akkuma kitaaba keessatti barreeffameen, «Ka ufi dhaadu Goofta'aan ufi haa dhaadu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.