1Jeeqamnni eega chaldhiseen duubatti, Phaawulos amantoota bakka tokkotti waamsisee, dubbii gorissaatiin isaan ni jajabeesse, nagaya'llee isaanitti dhaamee, gara Maqedoonyaa ni deeme.
2Bakkeewwan keessa dabrre sanniin irratti'llee, amantoota gorssa baay'een jajabeessaa, gara biyya Giriikii ni deeme.
3Achitti'llee ji'a sadihi ni ture, kanaan duubatti'llee dooniin gara biyya Sooriyaa deemuuf ni yaade, garuu Yihudonni isaa irratti marri taasisuu isaanii yeroo beeketti, gara Maqedooniyaatiin deemuuf, ni murtteesse.
4Ilmi Sophaaxrosii Phiiros biyya Beeriyaatii, Arisxaarkosii fi Sekundos Tasaloonqee, Gaayos ammoo Derbee, Xikiqoosii, Tikiqoosii fi Xiromifoos Asiyaa, woliin ni deeman.
5Isaan'llee nu durssanii deemuun, Xro'aasitti nu eegan.
6Nu'u garuu ayyaana Qixxa'aatiin duubatti Filiphisiiyusii doonii yaabannee, guyyaa shanitti gara bakka isaan jiranii gara Xro'aasii geenneeti, achitti'llee guyyaa torbaa ni dabarssine.
Laalcha Phaawulos Ka Muummee Xro'aasitti7Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa titti, buddeena bakka tokkotti nyaachu'uuf wolitti ni qabamnne, Phaawulos'llee guyyaa itti aanee jirutti deemuu qaba waan tureef, namoota wol gayanitti ni dubbata ture, haasaya isaa'llee haga halkan qixxe'ee, ni dheeresse.
8Mana wol irroo nu itti woligeennetti, ibissaa baayi'etu jira ture.
9Oyxikoos dargaggeessi jedhame tokko fooddaa irra taa'aa jira ture, Phaawulos haasaya dheeressuu isaatiin hirribnni ulffaataan isa ni qabeen, hirribnni'llee waan isa injifateef mana wol irroo sadaffaa irraa, gara gadii ni kufe, namoonni'llee yeroo kaasaniinitti, du'ee ni argame.
10Garuu Phaawulos bu'ee mucaa irratti gad jechuun yoo ammatuun, «Amma'llee lubbuun ni jira, hin nayinaa!» jedhe.
11Phaawulos gara mana wol irroo deebi'ee bayeeti, buddeena kutee amantootaan woliin ni nyaate, haga bari'utti'llee namootaan woliin, haasaya'aa eega tureen duubatti, ni deeme.
12Namoonni'llee dargaggeessa fayye gara manaa ni fudhataniin, kanaan'llee haalaan ni jajabaatan.
Phaawulos Xro'aasii Gara Miilexoosii Deemuu Isaa13Phaawulosiin saalfachiisuuf waan yaanneef nu durssinee, dooniin gara Asoosii ni deeminne, kana'llee wonitti raawwanneef, Phaawulos haga Asoosii miilaan deemuuf waan muritteessee fi kana'llee akka raawwanneef, waan nu ajajeef.
14Isaan woliin'llee Asoostti yeroo wol geennetti, doonii nu yaabachiisanii gara Mixileenee, woliin ni deeminne.
15Guyyaa itti aanutti'llee achii kaanee, gara bakka Kiiyosiin fuunidura jiruu, dooniin ni geenne, guyyaa itti aanutti'llee gara biyya Saamosii ceeneeti, guyyaa itti aanutti'llee, gara Milixii ni geenne.
16Phaawulos Asiya'atti yeroo isaa akka hin balleesineef jedhee Efesooniin bira dabrre deemu'uuf ni barbaade, kana'llee ka raawwateef ayyaanna Phenxeqosxe'eetiif Yerusaalemtti argamuuf, yaadee waan tureef.
Phaawulos Jaarsotii Efesooniitii Haasaya Taasise Ka Addaan Galaa17Phaawulos Miilexoosii gara Efesoonii nama ergee, jaarsotii woldayaa ni waamsise,
18Gara isaa'llee yeroo dhufanitti akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Asiyaa guyyaa itti galee jalaqabee, yeroo maraa isin woliin attamitti akka jiraadhe isin ni beekittan,
19waayee marri worra Yihudotaatiin rakkinni yoma narra gaye'llee obissa muda maleessa ta'ee fi imimmaaniin, Gooftaa ni tajaajila ture.
20Bakka woligayi'ii titti ta'ee mana keessantti'llee yoo isin barsiisu, waan isin fayyadu maraa isinitti ni hime malee, woma tokkoo isin irraa hin hanbbfnne.
21Yihudota ta'anii Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, dhiifamaan gara Waaqaa titti akka deebi'anii fi Gooftaa keenna Yesus Kristostti akka amananiif, isaan ufi ni eeggachiisan.
22Amma'llee yeroo achi gayu maalttu akka narra gayu uduu hin beekin, Hafuura Qulqulluun ajajamee, gara Yerusaalemii deemuu kiya.
23Haa ta'u malee magaalaa marattuu hidhaa fi rakkinni akka ana qunnamu, Hafuurri Qulqulluun natti himee jira.
242Xim 4:7.Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»
25«Haga ammaa titti isin mara jidduu dedeebi'aa, waayee Mootummaa Waaqaa lallabee ture, ammaa achitti garuu isin keessa eennu'llee, gonkumaa fuula kiyya akka hin argine ni beeka.
26Kanaaf isin keessaa tokkoo uduu baddee, itti gaafatama akka hin qabnne guyyaa adhaa titti, ni hubachiisa.
27Yaada Waaqaa mara isinitti ni hime malee, womaa wonitti hanbise woyiituu hin jiru.
28Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.
29Ani eega deemeen duubatti gobbu'uuf worri hin naane, namoonni gara jabeeyyiin akka yayyii ta'an, akka isinitti galan ni beeka.
30Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.
31Kanaaf tokko tokkoo keessan, woggaa sadihi halkanii fi guyyaa, imimmaan kiyya jissaa akka isin gorsse yaadataa, ufi eeggadhaa.»
32«Amma'llee isin ijaaru'uu fi qulqullaayomota jiddu'utti'llee qabiyyee isinii kennuu Waaqa dandda'uu fi dubbii kennaa bilisaa titti'llee, yaboo kennee jira.
33Ani qarshii eennuu'llee, worqqii yookiin uffata hin hawwinne.
34Harkuma kiyyaan hojjata'aa mataa kiyya ta'ee waahellan kiyya'llee ni gargaara akka ture, mataan keessanuu ni beekittan.
35‹Ka fudhatu irra naminni keennu ka eebbifame› ka jettu, dubbii Gooftaa Yesusii yaadachu'uun, harkuma keennaan hojjata'aa dadhabddoota gargaaruun akka nurraa malu, karaa baay'een isinitti mulidhisee jira.»
36Kanaan duubatti Phaawulos isaan mara woliinuu, jilibiiffatee ni kadhate.
37Marrinuu booyaniiti Phaawulosiin ammatanii ni dhungataniin.
38Gonkumaa worri haalaan gaddan, «Ammaa achitti fuula kiyya hin argitan» isaaniin jedhee waan tureef, haga donii titti ni geegessaniin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.