1Yaa obboleeyyan! Ani yoo isin barsiisu isin foonayootaa fi daai'mman hin jabaatin akka ta'uu keessan titti malee, foonayyoota akka ta'uu keessan tittii miti.
2 hujiin isaa ibiddaan jalaa gubatee dhabamisiifame garuu gatiin isaa jalaa ni hafa, haa ta'u malee inni mataan isaatuu ibidda keessaan dabrree, uduu hin gubatin akka nama hafuu titti ni fayya.
16 1Qor 6:19; 2Qor 6:16. Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo?
17Eegaa naminni Mana Waaqeffanna'aa ka Waaqaa yoo diige Waaqinni isa ni diigaan, Manni Waaqeffanna'aa ka Waaqaa Qulqullu'u, Manni Waaqeffanna'aa kun isin.
18Eennu'llee mataa isaa hin sobinni, sadarkkaa ogummaa biyya lafaa kanaatiin ogeessa fakkaatee ka mulidhatu yoo jiraate, ogummaa Waaqaa ka dhuga'aa akka argatu mataa isaa akka gowwa'aa titti haa laakkayu.
19Ogummaan biyya lafa tanaa Waaqa duranatti gowwumma'a, kun'llee, «Waaqinni ogeessota daba isaaniitiin isaan ni qaba» jedhamee, akkuma barreeffame.
20Akkuma kana, «Gooftaan yaanni ogeessotaa tasa ta'uu ni beeka» ka jedhu, barreeffamee jira.
21Kanaaf wonitti marrinuu keessan waan ta'eef, eennu'llee namaan hin dhaadatin.
22Phaawulos'llee yoo ta'ee, Apholos'llee yoo ta'e, Phexirosiin'llee yoo ta'e, biyya lafaa'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, du'a'llee yoo ta'e, ka jiru'llee yoo ta'e, ka ufidurana dhufu'llee yoo ta'e, marrinuu keessan.
23Isin garuu ijoollee Kristosiiti, Kristos'llee Ilma Waaqaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.