2 Gara Worra Qorontoosii Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaPhaawulos worra Qorontoosiitiif ka barreesse ergaan lammaffaa ka barreeffame, wolitti dhufeenni woldaya amanti'ii Qorontoosii woliin ni qaba ture, yeroo haalaan rakkisaa ta'etti. Miseensonni woldaya amanti'ii tokko tokko ashiiwwan ulffaataa ta'an ka irratti kaasan yoma ta'e'llee, Phaawulos garuu araara buusu'uuf fedhii ol aanaa akka qabu ni muldhisa, kun'llee yeroo ta'utti gammachuun ol aanaan itti dhagayamuu akka danda'u ni ibisa.Jalqaba kutaa erga'aa irratti Phaawulos woldaya amanti'ii ta Qorontoos turtteen woliin waayee wolitti dhufeenna qabuu ibisu'uun, woldaya amanti'ii keessatti asha'aa fi mormmii ka'eef, maali'iif deebii akka malee jabaataa ta'e akka isaaniif kenne ni hubachiisa. Kanaan'llee wol qabsiisu'uun baanachuun isaa kun gara dhiifamaaf araaraa ka isaan qajeelche ta'uu isaatiin, gammachuu isatti dhagayame isaaniif ni ibisa. Itti aanssee'llee kristaanota Yihudaa jiran gargaaru'uuf arjjoomaan akka kennaniif, isaan ni yaadachiisa. Boqanoota muumme'ee titti Phaawulos ergamittummaa isaa irratti waayee himannaa isatti dhiyaatee, ittisa ni dhiyeessa. Woldaya amanti'ii Qorontoosii titti namoonni tokko tokko mataa isaanii ergamittoota dhugaaleyyii taasisu'uun, Phaawulos barataa dharaati jedha'aa, ni himataniin ture.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-11Phaawulosii fi woldaya amantii Qorontoosii 1:12—7:16Kristaanota Yihuda'atti Argamaniif Gargaarssa taasfame 8:1—9:15Phaawulos aangoo ergamittumma'aatiif ittifata dhiyeesse 10:1—13:10Woliigala 13:11-14