1Yaa obboleeyyan! Waayee bara wonitti kun itti raawwatamuutii fi waayee yeroo'llee, womaayyuu akka isiniif barreessu hin barbaachisu.
2Mat 24:43; Luq 12:39; 2Phex 3:10.Guyyaan Goofta'aa ka dhufu, hattuun halkaniin akkuma bifa dhufuu titti ta'uu isaa, isin mataan keessanuu midhaastanii ni beekittan.
3Namoonni, «Wonitti marrinuu nagayaa fi ka tasgabaaye» yoo jedhan, akkuma bifa dubarttii ulffaa yoo ciiniiniissuun isii qabdduunii titti badiin dimmaa isaanitti ni dhufa, bifa kamiinuu jalaa hin bayan.
4Isin garuu yaa obboleeyyan, dukkana keessa hin jirttan, kanaaf guyyaan akka hattu'uu titti isinitti hin dhufu.
5Isin marrinuu namoota ifaa, namoota guyya'aati'llee, nu'u namoota halkanii yookiin namoota dukkanaatii miti.
6Kanaaf nu'u haa dammaqinnuu, mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannu malee, akka kaanniinii muguu hin qabnnu.
7Namoonni mugan'llee halkaniin haa mugan, ka machaayan'llee halkaniin ni machaayan.
8Efs 6:13-17.Nu garuu namoota ifaa waan taaneef mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannuu, amanti'ii fi jaalala akka uffata woraanaa titti haa uffannuu, abddii fayyinnaa'llee akka qoobii sibiilaa titti, haa godhannu.
9Waaqinni ka nu waame dallansu'uuf uduu hin ta'in karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, fayyinna akka argannuuf.
10Kristos waayee keennaaf ka du'e lubbu'uun yoo jiraanne yookiin yoo duune'llee, isa woliin akka jiraannuuf.
11Kanaaf amma bifa raawwatta'aa jirttaniin, tokko ka bira'aa ijaaru'uun haa jajabeesuun.
Gorssa Muumme'eetii Fi Nagaya12Yaa obboleeyyan! Isin jiddu'uutti huji'iin worra dhadhaban, maqaa Gooftaa Yesusiitiin itti gaafatamoota keessan fi gorrsitoota keessan ka ta'an, akka isaan kabajaniif, isin ni kadhadha.
13Waayee hujii isaaniitiin'llee isaaniif ulfinnaa ol aana'aa fi jaalala qabaadhaa, isin'llee ufii keessan nagayaan woliin jiraadhaa.
14Yaa obboleeyyan! «Worra hujii jibbantti baanadhaa, sodaattota jajabeessaa, dadhabiddoota gargaaraa, nama maraaf obissaa» jennee, isin ni gorssina.
15Naminni kamiiyyuu bakka hama'a'aatiif hamaa akka hin deebifnne ufi eeggadhaa, kana irra isin yeroo maraa ufii keessaniif ta'ee akkuma kanaan'llee namoota kaanniin maraafuu, waan mishaa raawwachu'uuf dammaqaa.
16Yeroo maraa gammadaa!
17Uduu addaan hin kutin kadhadhaa.
18Waan maraanuu Waaqa galatteeffadhaa, jireenna Yesus Kristosiin qabddaniin Waaqinni isin irraa ka barbaadu kana.
19Hujii Hafuura Qulqullu'uu hin ukkaamsinaa,
20Kennaa dubbii raagaa dubbatee hin tuffatinaa;
21Waan maraa qormaataa, qoradhaa, ka mishaa ta'e qabadhaa.
22Waan hamaa kamiin irraayyuu fagaadhaa.
23Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.
24Ka isin waamu sun amanamaa waan ta'eef kana ni raawwata.
25Yaa obboleeyyan! Nu'uu'llee kadhadhaa.
26Obboleeyyan maraa wol dhungoo Qulqullaawome qabuun, nagaya isaaniin jedhaa.
27Ergaan kun amanittoota maraafuu akka dubbiffamu, maqaa Goofta'aatiin yaboo isiniin ni jedha.
28Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.