2 Gara Worra Tasaloonqee 3 - Waadaa Haarawa

Kadhannaan Marumaafuu Barbaachisaa Ta'uu Isaa

1Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Isin biratti akkuma ta'e mara dubbiin Goofta'aa dadafaan akka babaldhatuu fi akka kabajamu, nu'uuf kadhadhaa.

2Akkuma kana dubbii isaa worri dhagayan marrinuu ka amananii miti, kanaaf dabiddootaa fi namoota hamaawwan jalaa akka baanuuf, nuuf kadhadhaa.

3Gooftaan garuu amanama'a, inni isin in jabeessa, sheexana irraa'llee isin ni eega,

4waan isin ajajinnu amma'llee ta'ee ufi duranaaf'llee akka raawwattaniif, Goofta'aan isinitti ni amana.

5Gooftaan onnee teessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obissa Kristosii titti isa haa eemaruun.

Hujii Malee Akka Hin Teenneef Ufi eeggachiisuu Isaa

6Yaa obboleeyyan! Hujii maleessa ka ta'ee fi akkaataa barsiisa nu irraa isiniif dabrreetiin kristaana hin jiraanne mara irraayyuu akka foottaniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isin ni ajajinna.

7Fakkeennummaa keenna horddofuu akka isin irraa malu isin mataan keessanuu ni beekittan, nu'u isin woliin yeroo turretti huji maleeyyii hin turre.

8Buddeena eennuutuu gatii malee hin nyaanne, kana irra isin keessaa eennuun irratti'llee ba'aa akka isatti hin taane jechu'uun halkanii fi guyyaa, dadhabi'ii fi xaari'iin hojjachu'uun turree jirra.

9Akkana'llee ka raawwanne isin fakkeennumaa keenna akka horddofttaniif jenneeti malee, isin irraa garggaarssa argachu'uuf mirga uduu hin qabaatin hafinneetii miti.

10Isiniin woliin yeroo turretti'llee, «Hojjachu'uuf ka hin barbaanne hin nyaatin!» danbbii jedhu, isiniif kenninee ture.

11Kana sababaan jenneef'llee jidduu kessan huji maleeyyiin tokko tokko akka jiran dhagayuu keennaan, namoonni kunniin waan isaan hin galchine keessa galu'uun kaanniin jeequu malee, womaayyuu hin hojjatan.

12Namoonni akkanaa kunniin tasgabbaayanii akka hojjatanii waan ittiin bulimaata isaanii akka argataniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isaan ni ajajinna, ni gorssinaan'le'e.

13Isin garuu yaa obboleeyyan! Dadhabnnee jettanii waan mishaa hojjachuu irraa ufi duuba hin deebi'inaa.

14Ergaa kanaan gorssa isiniif dabarssine naminni hin fudhanne yoo jiraate, nama akkana jiru kana hubadhaa, akka saalfatuuf'llee isaan woliin wolitti dhufeenna hin taasisinaa.

15Ta'u'llee akka obboleessa titti gorssa'aanii malee, akka diinaa titti hin laakkayina'aanii.

Nagaya Muumme'ee

16Gooftaan nagayaa mataan isaatuu yeroo maraa waan maraan'llee nagaya isiniif haa kennu, Gooftaan isin mara keessan woliinuu haa ta'u.

17Nagaya kana harkuma kiyyaan ka barreesse ani Phaawulos, ergaa kiyya mara keessattuu malikanni arigamu kana. Ka barreessu'llee akkuma kana.

18Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii mara keessan woliinuu haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help