Gara Worra Rooma'aa 15 - Waadaa Haarawa

Namoota Gammachiisuun Akka Malu

1Nu'u amanti'iin cicimoo ka taane, dadhabbii dadhabiddootaa baadhachuu ni qabnna malee, mataa keenna qofa worra gamachiifnnu ta'uu hin qabnnu,

2tokkoon tokkoon keennaa naminni bira'aa amantii isaatiin akka jabaatuuf waan isa fayyaduu fi isa gammachiisu, haa raawwannuu.

3Kristos mataa isaa hin gammachiifinne, gonkumaa, «Arrabnni namoonni si ittiin arrabissan ana irratti ni bu'e» ka jedhu, jechi kitaabban Qulqullu'uu isa irra ni gaye.

4Kitaabban qulqulluuwwan irraa obissaa fi jajabeenna argannuun, abddii akka qabaannuuf, barsiisommi durssanii barreeffaman marrinuu, barnnootaaf akka ta'an barreeffamanii jiran.

5Waaqinni obissaa fi jajabeennaa ufii keessan, fakkeenna Yesus Kristosii horddofu'uun, tokkummaa woliin jiraachu'uu isiniif haa kennu.

6Akkuma kana Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni, onnee tokkoo fi jecha tokkoon akka isa kabajitaniin, isin haa taasisu.

Dubbiin Wongeela Ummata Waaqa Dhuga'aa Titti Hin Amanneef Akka Lallabame

7Kristos ulfinna Waaqaatiif isin akkuma ufitti fudhate, isin marri'llee tokko ka bira'aa, gammachu'uun ufitti haa fudhatuun.

8Kana'llee yoo dubbadhu Waaqinni abbootii durssaniif abddii kenne akka raawwatuu fi dhugaa ta'uun Waaqaa'llee akka beekkamuuf, Kristos tajaajilaa Yihudotaa ni ta'e jechu'uu kiyya.

9Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee,

«Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha,

maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa»

jedhamee, akkuma barreeffame.

10Dabalee'llee,

«Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne,

ummata Waaqaa woliin gammadaa!» jedhamee, barreeffamee jira.

11Deebi'ee'llee,

«Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu! Gooftaa galateeffadhaa,

ummatoonni marrinuu isa galateeffadhaa!» jedhamee, barreeffamee jira.

12Akkuma kana'llee Isaayaas,

«Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa,

durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a,

isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha.

13Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna.

Sababaan Phaawulos Uggiinssaan Barreesseef

14Yaa obboleeyyan! Mishumma'aan ka guutamttan, beekkomissaan ka duroomittanii fi tokkoon tokkoon keessan'llee ka bira'aa gorssu'uuf, ka dandeettan ta'uu keessan hubadhee jira.

15Wonittoota tokko tokko isin yaadachiisu'uuf barbaadee ergaa kana akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin, uggiinsaan isiniif ni barreesse.

16Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.

17Waayee kanaan Yesus Kristosiin Waaqa tajaajilu'uuf danda'uu kiyyaan, ufi ni dhaada.

18Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ajajamoota akka ta'an taasisu'uuf, Kristos dubbi'ii fi karaa hujii kiyyaatiin hujii hojjate yoo ta'e malee, womaayyuu dubbachu'uuf hin uggine.

19Akkuma kana baasota ol aanota ta'anii fi hujiiwwan maalale'eetiin, huminna Hafuura Qulqullu'uun'llee Yerusaalemii fi naannoo isi'iitii jala qabee haga biyya Iliwaarqoonii titti, wongeela Kristosii barsiisee jira.

20Hawwii kiyya ka yeroo maraa'llee bu'ura naminni bira'aa hunddeesse irratti ijaaru'uuf uduu hin ta'in, bakka maqaan Kristosii itti hin dhagayamin maratti, dubbii gammachu'uu lallabu'u.

21Kun'llee,

«Asiin durana namoonni waayeen isaa womaayyuu isaatti hin himamin, ni argan,

waayee isaa'llee worri hin dhagayin, ni hubatan»

jedhamee, akkuma barreeffame.

Phaawulos Gara Rooma'aa Deemu'uuf Akka Karoorffate

22 Rom 1:13. Haga ammaa titti gara keessan dhufu'uuf ka hin danda'in, waayee dhimma durssee dubbadheetiin.

23Amma garuu biyyoota naannoo kana jirantti bakkeewwan itti hojjadhu waan hin jirreef, akkuma kana woggoota baayi'e'ee kaasee'llee isin laalu'uuf, hawwii ol aanaa waan qabuuf,

24gara Isphaaniyaa yeroo deemutti, karama saniin isin laaluu'uuf'llee karoorffadhee jira. Yeroo muraasaaf isin woliin gammadee eega tureen duubatti, deemissa kiyya itti fufu'uuf ka gargaarssa ana dandeesisu akka naaf taasfttan, abddii ni taasisa.

251Qor 16:1-4.Amma garuu ummata Waaqaatiif ka kennu qarshii gargaarssa qabadhee, gara Yerusaalemii ni deema.

26Kun'llee Maqedooniya'aa fi Akaayiya'atti ka argaman worri Waaqaa hiyyeeyyii Yerusaalemiin jiraniif gargaarssa qarshi'ii ergu'uuf, fedhii isaaniitiin waan murteessaniif.

271Qor 9:11.Gargaarssa kana'llee fedha isaaniitiin ka arjooman dirqqama isaanii ta'uu isaatiin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne isaan'llee eebba isaanii ka fooniitiin, dirqama Yihudota gargaaru'uu ni qaban.

28Kanaaf qarshii wolitti qabame ka gargaarssaa kana gara Yerusaalemii fudhadhee, eega kenneen duubatti karaa keessaniin dabrree, gara Isphaaniyaa ni deema.

29Gara keessan yeroo dhufutti'llee eebba Kristosii guutumma'aan isiniif qabee, akka dhufu ni beeka.

30Yaa obboleeyyan! Waayee kiyyaaf gara Waaqaa kadhachu'uun woldhaanssoo kiyyaan akka ana gargaarttaniif, Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi jaalala Hafuura Qulqullu'uutiin, isin ni kadhadha.

31Ka anaaf kadhattan'llee namoota arddii Yihuda'aa jiran, worra hin amanne harkaa akka bayuu fi tajaajilli Yerusaalemitti qabu'llee, worra Waaqaa biratti fudhatama akka qabaatuuf.

32Kun'llee eega ta'een duubatti fedha Waaqaa yoo ta'e, gammachu'uun gara keessan dhufee, isin woliin boqachu'uuf ni jaaladha.

33Waaqinni nagayaa isin mara keessan woliinuu haa ta'u! Amen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help