Wongeela Maatewos 9 - Waadaa Haarawa

Yesus Namicha Naafa Akka Fayyise(Mar 2:1-12; Luq 5:17-26)

1Kanaan duubatti Yesus hoboloo yaabachu'uun garba ciisa'aan ce'ee, gara magaalaa mataa isaa ni dhufe.

2Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.

3Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokkoon isaan, «Naminni kun Waaqa irratti dubbii arrabaa ni dubbata!» jedha'aa, onnee isaanii titti ni yaadan.

4Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee maali'iitiif waan hamaa kana onnee keessantti yaaddan?

5Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a?

6Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.

7Namichi'llee ka'ee gara mana isaa ni deeme.

8Ummanni'llee yeroo kana arganitti ni maalalffatan, aangoo akkana kana'llee namaa kennuu isaatiif, Waaqa galateeffadhaa.

Yesus Maatewosii Ka Jedhame Leewii Waamuu Isaa(Mar 2:13-17; Luq 5:27-32)

9Yesus bakka sanii ka'ee deema'aa uduu jiru, Maatewos ka jedhame qaraacichi, bakka qaraxa wolitti itti qaban taa'ee argeeniiti, «Ana horddofi!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen.

10 eennu'llee hin jiru, yoo erbbame garuu subbeen haarofnni uffata moofaa muree, qaawwa isaa caala'atti ni baldhisa.

17Akkuma kana qalqala bishaanii ka moofetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu eennu'llee hin jiru, yoo raawwatame garuu qalqalli ni dhooya, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee miidhamee faayida'aan ala ni ta'a. Daadhii woyinni'ii haarawa garuu qalqala haarawatti kaayuun ni mala, bifa kanaan'llee lamaanuu haalaan eegamanii ni jiraatan.»

Waayee Intala Iyaaroosiitii fi Dubarttii Uffata Yesusii Tuxxee(Mar 5:21-43; Luq 8:40-56)

18Uduma Yesus kana isaanitti hima'aa jiru, itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii tokko gara isaa ni dhufe, kallacha isaatiin'llee Yesusiin duranatti gonbbifamee, «Kunoo, mucattiin tiyya ammuma ana jalaa duute, garuu ati uduu dhufittee harka kee isii irra keettee ni fayyit» jedheen.

19Yesus'llee ka'eeti namicha horddofee ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman.

20Kunoo, woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isi'ii jiga'aa ni makkaraartti ka turtte dubarttiin takka, yeroo sanitti gara duuba Yesusiin dhufittee, qaccee uffata isaa harka isi'iitiin ni tuqixxe.

21Kana'llee ka raawwatteef, «Uffatuma isaatuu uduu tuqee ni fayya» jettee, onnee isi'ii titti yaaddee waan turtteef.

22Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeniiti, «Jabaadhu yaa intala tiyya! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Dubarttiin'llee bakkumatti ni fayyite.

23Kanaan duubatti Yesus gara mana itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii yeroo gayetti, worri xurunbbaa gaddaa afuufttotaa ta'anii fi namoota asii fi achi wirttaaya'aa iyyu'uun booyan ni arge.

24Inni'llee, «Isin marri keessanuu asii baayaa! Mucattiin mugiddee jirtti malee hin duune!» isaaniin jedhe. Isaan garuu balddu'uun itti ni kolffan.

25Namoonni'llee eega bayaniin duubatti, Yesus gara kutaa mucattiin itti argamittuu aseenee harka isi'ii ni qabeen, isiin'llee ni kaate.

26Gurroon waan kanaa'llee biyya san mara keessatti ni dhagayame.

Yesus Namoota Ija Jaamota Lamaan Akka Fayyise

27Yesus bakka sanii ka'ee yeroo deemutti jaamonni lamaan ni horddofaniin, isaan'llee, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo nu fayyis!» jedha'aa, ni iyyan turan.

28Yesus gara manaa yeroo aseenetti jaamonni'llee gara isaa ni dhiyaatan, inni'llee, «Ani kana raawwachuu akka danda'u, ni amantanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jechu'uun, ni deebisan.

29Kanaan duubatti Yesus ijoota isaanii harka isaatiin qaqabeeti, «Akka amantii keessan isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.

30Ijji isaanii'llee ni banaman, Yesus'llee, «Waan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, ciminnaan isaan ni ajaje.

31Isaan garuu deemanii, biyya san maratti waayee gurroo Yesusii ni odeessan.

Yesus Nama Dubbachuu Dadhabe Tokko Fayyisuu Isaa

32Namoonni ijji isaanii isaaniif baname'llee bayanii yeroo deemanitti, namoonni kuunniin namicha jinniin irra bule nama duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan.

33Jinniin'llee isa keessaa yeroo bayetti namichi duudaan ni dubbate, ummanni'llee, «Wonitti akkanaa kun biyya Israa'eelii keessattuu, gonkumaa muldhatee hin beekkamu!» jedha'aa, ni maalaliffatan.

34 Mat 10:25; 12:24; Mar 3:22; Luq 11:15. Fariisoonni garuu, «Inni jinniiwwan ka baasu, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin» jedhan.

Yesus Ummataaf Garaa Laafuu Isaa

35 Mat 4:23; Mar 1:39; Luq 4:44. Yesus'llee bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aa, wongeela Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, ummata'llee dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisa'aa, magaalotaa fi gandoota mara keessa ni naannaya ture.

36Mar 6:34.Ummanni garuu akka hoolota tissee hin qabnnee titti sarddamaniitii fi bitaa isaanitti ta'ee yeroo isaan argetti, isaanii ni gadde.

37Luq 10:2.Kanaaf barattoota isaatiin akkana jedhe, «Callaan baayi'e'e, hojjattoonni calla'aa garuu muraasa.

38Eegaa hojjattoota isaa gara hujii calla'aa titti akka erguuf, abbaa calla'aa kadhadhaanii.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help