Wongeela Maatewos 16 - Waadaa Haarawa

Baasa Argu'uuf Gaafii Dhiyaate(Mar 8:11-13; Luq 12:54-56)

1 Mat 12:38; Luq 11:16. Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin.

2Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise,

4Mat 12:39; Luq 11:29.Dhaloonni hama'aa fi hin amanne malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee, malikanni bira'aa hin kennamuuf.» Kanaan duubatti Yesus isaan dhiisee, gara bakka bira'aa ni deeme.

Shiishaa Fariisootaatii fi Saduqootaa(Mar 8:14-21)

5Barattoonni isaa gara garba cisa'aan gamaa yeroo ce'anitti, waan irraafattaniif buddeena hin qabanne turan,

6Luq 12:1.Yesus'llee barattoota isaatiin, «Onne'etti qabadhaa, shiishaa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!» isaaniin jedhe.

7Isaan'llee, «Kana jechuun isaa yookiin waan nu'u buddeena hin qabatiniif ta'a» jechu'uun, ufi isaaniitii woliin ni haasayan.

8Yesus garuu yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Isin worra amantiin itti dhidhate nana! ‹waan nu buddeenna hin qabatiniif› jettanii, waayee maali'iif ufii keessan woliin haasofttan?

9Mat 14:17-21.Amma'llee isin worra hin hubanne moo? Buddeenni shanii nama kuma shaniif akka gayee fi hanbbaan hafe'llee, ginddoo guutuu hagamii akka kaafttan, hin yaadattanii?

10Mat 15:34-38.Akkuma kana buddeenni torbaa nama kuma afuriif akka gayee fi hanbbaa hafe'llee ginddoo hagamii guutuu akka kaafttan, hin yaadattanii ree?

11Eegaa ‹shiishaa Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!› jedhee isinitti yoo dubbadhu, waayee buddeenaa akka hin ta'in attamitti hin hubanne?»

12Barattoonni'llee, Yesus ufi eeggadhaa ka isaaniin jedhe, barsiisa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraayyi malee, shiishaa buddeenaa irraa akka hin ta'in ni hubatan.

Yesus Masihii Ta'uu Isaa Phexiros Ibisuu Isaa(Mar 8:27-30; Luq 9:18-21)

13Yesus Filiiphoos Qiisaariyaa gara biyya jedhamuu yeroo gayetti barattoota isaatiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhaniin?» jechu'uun, isaan ni gaafate.

14 Mat 14:1, 2; Mar 6:14, 15; Luq 9:7, 8. Inni'llee, «Tokko tokko, ‹Yohaannisii Cuupha'aa› jedhan, kuunniin ‹Eeliyaas› jedhan, kuunniin ammoo, ‹Eermiiyaas yookiin nabiyyoota keessaa tokko› jedhan» jedhaniin.

15Yesus'llee, «Isin hoo anaan eennu naan jettan?» isaaniin jedhe.

16 Yoh 6:68, 69. Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.

17Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti.

18Ani'llee akkana siin jedha, ati (Phexiros) siida'a, dhagaa bu'uraa, kana irratti woldaya kiyya ka amanti'ii ni ijaara, woldaya amanti'ii kiyya'llee huminni du'aatuu isii hin injifatuun.

19Mat 18:18; Yoh 20:23.Kunoo, furtuuwwan Mootummaa Sami'ii siif ni kenna, ka ati ardditti irratti hiite sami'itti'llee ka hidhame ni ta'a, ka arddii irratti hiikite sami'itti ka hiikkame ni ta'a.»

20Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin inni Kristosiin ta'uu isaa eennutti'llee akka hin himnneef, isaan ni ajaje.

Yesus Waayee Rakkinna fi Du'a Isa Irra Gayu'uu Yeroo Jalqabaatiif Akka Dubbate(Mar 8:31-33; Luq 9:22-27)

21Yeroo sanii jalaqabee Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin jechuu jala ni qabe, «Gara Yerusaalemii deemu'utu narra jira, achitti'llee jaarsotii, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa irraa rakkinni narra ni gaya, ana ajjeesan, garuu guyyaa sadaffaa titti ni ka'a.»

22Phexiros garuu Yesusiin addumatti achi qabeenii, «Yaa Gooftaa! Gonkumaa hin ta'u, wonitti kun gonkumaa si irraa hin gayin!» jedha'aa, isatti baanachuu jala ni qabe.

23Yesus garuu ufi irra garagalee Phexirosiin, «Ati sheexana nana! Waan namaa malee ka Waaqaa waan hin yaadinneef, ati anaaf gufu'u» jedheen.

Yesusiin Horddofuun Kitimamummaa Nama Gaafatu(Mar 8:34—9:1; Luq 9:23-27)

24 Mat 10:38; Luq 14:27. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu mataa isaa haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu.

25Mat 10:39; Luq 17:33; Yoh 12:25.Lubbuu isaa fayyisuu ka barbaadu marrinuu ni balleesaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun garuu, ni arigataan.

26Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argate, lubbuu isaa garuu yoo balleesse, maal isa fayyada? yookiin naminni jijjiirraa lubbuu isaatiif maal kafaluu dandda'aa?

27Mat 25:31; Rom 2:6.Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf.

28Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help