1Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan,
2kitaaba banamtte diqqoo kaldho'oo maramttuu harkatti qabatee jira ture, miilli isaa ka mirgaa garba ciisaa irra, miila isaa ka bita'aa'llee arddii irra ni kaayate,
3Qoonqqa leencca aaduu ka fakkaatu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, yeroo iyyetti'llee bakakkaawwan torbanuu qoonqqa isaanii ni dhageesisan.
4Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye.
5Kanaan duubatti garba ciisa'aa fi arddii irra dhaabatee maleyikkichi arge harka isaa ka mirgaa gara sami'ii ol qabeet,
6baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu!
7Garuu maleyikkichi torbaffaa guyyaa xurunbbaa itti dhageesisanitti, akkaataa nabiyyoota isaa tajaajilttoota isaanitti beekisiseetiin, Waaqinni dhossaa isaa ni raawwatama.»
8Kanaan duubatti sami'ii qooniqqi dhagaye, «Garba ciisa'aa fi arddii irratti harka maleyikkicha dhaabatee irra ka jiru, kitaaba kaldho'oo maramaa deemiitii fudhadhu!» jechu'uun deebisee natti ni dubbate.
9Gara maleyikkichaa'llee dhaqee, «Kitaaba shiikkittii maramttuu kaldho'oo naaf kenni» ni jedheen, «Inni'llee fudhadhuutii nyaadhuun, garaa kee keessatti hadhaayaa ni taati, afaan keetitti garuu akka dammaa titti ni mi'ooftti» naan jedhe.
10Ani'llee kitaabattii maramttuu shiikkittii kaldho'oo maramaa harka maleyikkichaatii fudhadhee ni nyaadheen, afaan kiyyatti'llee akka dammaa titti natti ni mi'ooftte, eegaa nyaadheen duubatti garuu garaan kiyya hadhaayaa ni ta'e.
11Kanaan duubatti, «Waayee gosoota baayi'e'eetiif, ummatootaa fi waayee namoota afaan adda addaa dubbataniitii fi waayee nugusotaa'llee, irra deebitee raaga dubbachuu ni qabdda!» jedhamee, natti ni himame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.