Gara Ibirootaa 2 - Waadaa Haarawa

Fayyinna Ol Aanaa

1Kanaaf waan dhageenne irraa mucucaannee akka hin kufnneef waayee waan dhageenneetiif, haalaan ufi eeggachuu qabnna.

2Dubbiin karaa maleyikkootaatiin dubbatame dhugaalessa ta'ee jira, dubbii kana ka irra dabrruu fi dubbii kanaaf'llee ka hin ajajaminne, adabbii sirrii ta'e ni fudhata,

3Eegaa nu'u fayyinna ol aanaa kana shilla ka jennu yoo taane attamitti jalaa baana ree? Fayyinna kana'llee jalqaba ka dubbate Gooftaa mataa isaati, isa irraa namoonni dhagayan'llee, kanuma nuuf mirkaneessanii jiran.

4Waaqinni ammoo malikatoota, wonittoota maalale'ee, baasota adda addaa taasisu'uu fi kennaawwan Hafuura Qulqullu'uu ka akka fedhii isaa karaa isaatiin qoodamaniitiin, ragummaa isaanii mirkaneessee jira.

Fayyinna Fiixaa Namaatiif Durssaan Yesusiin Ta'uu Isaa

5Waaqinni ufi durana waan dhufu kana ka irratti dubbata'aa jirru biyya lafaa, maleyikkootaaf hin bitamisiifnne,

6gonkumaa kitaabban Qulqulluu keessa bakka tokkotti, akkana jedhamee jira,

«Ati isa akka yaadattuuf ilmi namaa maali'i?

isaaniif'llee ufi eeggannaa akka taasfttuuf ilmi namaa maali'i?

7Haguma muraasaatiif maleyikkoota irra ni diqqeesiteen,

gonfata ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra ni keetteef,

hujii harka keetii irratti ni muuddeen,

8Waan maraa aangoo isaa jala ni taasftteef.

Waan maraa aangoo isaa jala yoo taasisuuf wonitti hanbise tokko'llee hin jiru. Garuu amma akkuma jiru wonitti marrinuu aangoo isaa jala akka ta'e amma'llee nu'u hin argine.

9Amma garuu maleyikkoota irra muraasaaf gad bu'ee ka ture, sababa rakkinna du'aa fudhachu'uutiin gonfata ulfinnaatii fi galataa ka mataa irra kaayate Yesusiin ni argina, inni'llee kennaa Waaqaa ka bilisaatiin waayee mara keennaatiif du'ee jira.

10Wonitti marrinuu isaa fi isaan ka uumame Waaqaan ijoollee baayi'ee gara ulfinnaa titti isaan fidu'uuf, durssaa fayyinna isaanii Yesusiin rakkinnaan muda maleessa akka ta'u, akka isa taasisuuf ni maleen.»

11Namoota qulqullaayomota ka taasisuu fi namoonni isaan qulqullaawota ta'an'llee ijoollee abbaa tokkooti, waayee kanaan Yesus isa «Obboleeyyan kiyya» jedhee, waamu'uuf hin saalfatu.

12Kanaaf'llee Kitaabban Qulqulluu keessatti,

«Maqaa kee obboleeyyan tiyyatti ni hima,

woldaya amanti'ii jiddu'utti'llee faaru'uun si ni galateeffadha» jedha.

13Akkuma kanaan'llee, «Amantii kiyya isa irratti ni gatadha» jedha, deebi'ee'llee, «Kunoo anii fi ijoolleen Waaqinni naaf kenne asi jirra» jedha.

14Kanaaf ijoolleen tunniin dhiigaa fi foon namoota qaban waan ta'aniif, Yesus'llee akkuma isaanii nama ni ta'e, kana ka raawwateef'llee karaa du'a isaatiin du'a irratti aangoo ka qabu sheexana balleessu'uuf,

15akkuma kana waayee du'a sodaachu'uutiin, umrii isaanii guutuu garbumma'aan ni bitaman ka turan fayyisu'uuf.

16Fedhiin Yesusii maleyikkoota uduu hin ta'in, fiixaa Abrahaamii gargaaru'uuf.

17Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e.

18Inni mataan isaatuu qormaatamee rakkinna waan fudhateef, worra qormaataman gargaaru'uuf ni danda'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help