Gara Worra Rooma'aa 12 - Waadaa Haarawa

Waaqa Tajaajilu'uuf Attamitti Jiraachuu Akka Malu

1Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.

2Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.

3Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima.

4 ufii keessan beekittota ufiin hin jedhinaa.

17Nama mara duranatti waan mishaa ta'e raawwadhaa malee, namoonni waan hamaa yoo isin irratti raawwatan, isin'llee deebifittanii waan hamaa isaan irratti hin raawwatinaa.

18Ka danddeettan yoo taate nama mara woliinuu nagayaan jiraachu'uuf, gara keessaniin'llee waan isin barbaachisu maraa raawwadhaa.

19Yaa obboleeyyan! Dallanissuu Waaqaaf dhiisaa malee, ufii keessan gadoo hin bayinaa, «Ka haloo bayuu fi gatii haloo'llee ka kafalu ana, jedha Gooftaan Waaqinni» jedhamee, barreeffamee jira.

20Waayee kanaa fudhachuu irra diinni kee yoo beelaye nyaachisiin, yoo dheebote'llee obaasiin, kana yoo raawwatte ibidda saalfi'iitiin ni gubddaan.

21Kanaaf waan hamaa waan misha'aan injifadhu malee, waan hama'aan hin injifatamin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help