Gara Worra Efesoonii Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaErgaa Phaawulos namoota Efesooniitiif barreesse maraan duranatti ka xiyyeeffatu, «Karoorri Waaqaa ka raawwatamu uumamittoonni sami'ii fi arddi'ii marrinuu woliigalaan aangoo Kristosii tokkoo jala yeroon itti galan yoo gayetti» (1-10) yaada jedhu irratti. Dabalataan'llee Yesus Kristosiin woliin hirmmachu'uun fiixaan ilma namaa marrinuu tokko akka ta'uuf, karoora ol aanaa kana hujii irra akka oolichaniif ummata Waaqaa ka yaadachiisu.Ergaan Efesoonii kutaa jalqabaa titti barreessaan waayee tokkumma'aa mata duree jala qabe babaldhisu'uun, Waaqinni Abbaan ummata isaa attamitti akka isaan filate, Ilma isaa Yesus Kristosiin dhiifama cubbu'uu argatanii attamitti bilisa akka ta'anii fi, dubbiin abddii Waaqaa ol aanaan karaa Hafuura Qulqullu'uutiin, attamitti akka mirkanaaye ni hubachiisa, Kutaa lamaaffaa titti ammoo barreessan dubbifattoonni jireenna isaanii ka tokkumma'aatiin, tokkommaan Kristosiin qaban dhugaalessa akka ta'uuf, attamitti jiraachuu akka qaban isaan ni yaadachiisa.Namoonni tokkummaa Kristosiin qabaniin attamitti tokkomma'aa akka qabaatan, haala jechoota haasaya adda addaatiin tokkummaa akka qaban ibisamee jira, Manni Waaqeffanna'aa akka qaamaa yoo taatu, Kristos akka mataa qaamaati. Manni Sagadaa akka qaamaa yoo ta'u Kristos ammoo akka mataa qaamaati, Manni Waaqeffanna'aa akka mana dhaga'aan ijaaramee yoo ta'u, Kristos dhagaa cabisatati, Manni Waaqeffanna'aa akka haadha worraa yoo ta'u, Kristos akka abbaa worraati, barreessaan karaa Kristositiin ka muldhate kennaa Waaqaa ka bilisaa haalaan maalalffachu'uun yeroo dubbatutti, ibisa gad fageenna qabu ni dhiyeessa, waan maraa ka laalu akka jaalala Kristositiin, jechuun kitimamumma, dhiifama, kennaa bilisaatii fi akkaataa nagayatiin.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Kristosii fi Mana Waaqeffanna'aa 1:3—3:21Kristosiin Jireenna Haarawa 4:1—6:20Woliigala 6:21-24