1Guyyaa shaniin duubatti itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas jaarsotii tokko tokkoo fi bakka bu'aa Xerxilos jedhamuun woliin gara Qiisaariyaa ni dhaqe, isaan'llee gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii dhiyaatanii, Phaawulosiin ni himatan,
2Phaawulos'llee waamamee yeroo dhufetti, Xerxilos akkana jechuun himannaa isaa jala ni qabe, «Yaa kabajamaa Feeliks! Karaa keetiin nagaya baay'ee argannee jirra, bulchliinssa kee mishaa'llee ummata keennaaf, fooyyayinna argannee jirra,
3ka haalaan kabajamaa taate yaa Feeliks, gocha kee mishaa kana, bakka maraa fi yeroo bakka itti fudhannu marattuu, kabaja ol aanaa ta'een woliin.
4Amma garuu yeroo kee uduu hin balleessin gabaaba'atti waan sitti himu, fedha keetiin akka naaf dhageettuuf si ni kadhadha,
5naminni kun dhukkuba badaa nutti ta'ee jira, Yihudota biyya lafaa irra jiran mara irrattuu jeeqama ni kaasa, worri Naaziroota jedhamaniif'llee, durssaa isaaniiti.
6Mana Sagadaa'llee batteessuuf uduu yaalu qabnneenii jirra. himannaan isa irratti dhiyeesine kun marrinuu dhugaa ta'u isaa, ati mataan keetuu isa qorattee mirkaneesuu ni danddeetta.»
9Yihudonni'llee, «Kun marrinuu dhuga'a» jedhaa himannaa isaa titti wolii ni gallan.
Phaawulos Feeliksiin Duranatti Haasaya Ittisaa Taasisuu Isaa10Bulichaan biyyaa Feeliks harkaan itti akkeekee Phaawulos akka dubbattu ni eeyyameef, Phaawulos'llee akkana jechuun ni deebise,
«Woggoota baay'eef bulichaa biyya kanaa ta'uu kee waan beekuuf, himannaa narratti dhiyaateef ittisaa kiyya si duranatti yoo dhiyeeffadhu, haalaan gammachuun natti dhagayamaati,
11sagaduuf gara Yerusaalemii eega deemee, guyyaa kudha lamaa akka hin caalle, ati mataan keetuu mirkaneessuuf ni danddeetta,
12Mana Sagadaa titti ta'ee yookiin bakka wolgayii titti, yookiin magaalaa keessatti, eennuun woliin'llee yoo mormmu yookiin jeeqamaaf, yookiin ummata jeeqamaaf yoo kakaasu, isaan ana hin arganne.
13Himannaa amma narratti dhiyeessan maraafuu, ragaa woyiituu siif dhiyessuu hin danda'an.
14Garuu kana siif ibisuu ni jaaladha, isaan karaa haarawa ka jedhan kutaa amantiitiin, Waaqa abootii kiyyaa ni waaqeffadha, Seeraa fi kitaaba nabiyyootaa keessatti waan barreeffamee jiru maraa, ni amana.
15Akkuma isaan'llee abddii isa taasisantti ani'llee Qulqullu'uu fi cubbamoonni du'aa akkuma ka'an, Waaqa abddii ni taasisaan.
16Kanaaf Waaqaa fi nama duratti'llee sammuu qulqulluu akka qabaadhuuf, yeroo mara ni hisadha.»
17 fudhachuuf abddii ni taasisa ture, kanaaf yeroo baay'ee Phaawulosiin waamssisaa, ni dubbisaan ture.
27Woggaa lamaan duubatti Phorkii'os Fesxoos bakka Feeliksii ni bu'e, Feeliks'llee Yihudotaa gammachiisuuf barbaadee, Phaawulosiin akkuma hidhametti ni dhiiseen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.