Hujii Ergamittootaa 28 - Waadaa Haarawa

Phaawulos Eddoolaa Malaaxiyaa Titti

1Gara lafaa nagayaan eega geenneen duubatti, eddoolaan irra geenne Malaaxiyaa ta'uu ni beekinne.

2Jiraattonni eddoolaa sanii mishummaa nama dinqisiisu nuuf ni taasisan, Yeroo kanatti'llee roobinni waan roobee fi qorra waan ta'eef, ibidda bobeessanii ni simatan,

3Phaawulos'llee haashaa wolitti qabee gara ibiddaa yoo gatu, oo'a irraa ka ka'een bofinni tokko bayee, harka isaa irratti maxanee ni rarra'e,

4namoonni Malaaxiya'aa bofnni harka Phaawulosii irratti rarra'ee yeroo arganitti, «Kun dhugamaanuu nama lubbu-ajeesa'a! Danbalii garba ciisa'aatii nagayaan yoma baayu'llee, murtii Waaqa jalaa bayee lubbu'uun jiraachu'uuf hin danddeenne» woliin ni jedhan.

5Phaawulos garuu bofa gara ibiddaa hargufee gateeti, miidhaan woyiituu uduu irra hin gayin ni hafe.

6Namoonni'llee, «Ammaa amma qaaminni isaa ni iitaya, yookiin dimmaa du'ee ni kufa» jechuun ni eeggatan ture. Garuu yeroo baay'ee eeggataniinii, miidhaan woyiituu isa irra akka hin gayin yeroo arganitti yaada isaanii jijjiiraniiti, «Kun ammoo Waaqa!» ni jedhan.

7Achi bakka ture san biratti, bulchaan eddoolaa lafa Phophlii'osii tittu jira ture, naminni kun'llee mana isaa titti nu simatee, guyyaa sadihiif haala misha'aan nu ni keessummeesse.

8Yeroo sanitti abbaan Phophlii'osii holata'aa fi baasaan qabeenii dhukkubssatee ciisee jira ni ture, Phaawulos'llee gara isaa aseenee ni kadhateef, harka isaa'llee irraa kaayee ni fayyiseen.

9Eega kun ta'een duubatti, dhukkubsattoonni eddoolaa irra jiraatan kuunniin'llee, dhufanii ni fayyan.

10Namoonni'llee kennaa baay'ee nuuf ni fidan, kabaja isaanii'llee nuuf ni ibisan, dooniin deemuuf yeroo kaanetti'llee, waan nu barbaachisu maraa doonii irratti nuuf ni fe'an.

Adeemissa Phaawulos Malaaxiyaa Gara Rooma'aa

11Ji'a sadihi Malaaxiyatti eega tureen duubatti, doonii Iskindriyaa ka ji'a gannaa eddoolaa irratti dabarsse ture yaabannee ni muldhanne, doonihci'llee malikata waaqolee lakkuu harkaan hojjatama ka diyyoosqoroos jedhamanii, ufi irraa qaban ni ture.

12Gara magaalaa Saraakus yeroo geennetti'llee, achi guyyaa sadihi ni teenne.

13Achii'llee gara garba ciisaatiin naanofnnee gara magaalaa Reegiyum ni geenne, achitti'llee guyyaa tokko eega dabarsineen duubatti, bubbeen kibba waan bubbiseef guyyaa lammaffaa titti, gara magaalaa Putiyoluus ni deemnne.

14Achitti'llee amanttoota arganeeti isaan woliin, guyyaa torba akka teennuuf nu ni kadhatan, achiin duubatti gara Roomaa ni deemnne.

15Amanttoonni Roomaa jiran'llee waayee keenna yeroo dhagayanitti, haga gabaa Afiyuus, «Bulttiiwwan sadihii» haga bakka jedhamttuu nu simachu''uuf ni dhufan, Phaawulos'llee yeroo isaan argetti, Waaqa galateeffatee ni jajjabaate.

Phaawulos Rooma'atti

16Gara Roomaa yeroo galletti, lolttuun Phaawulosiin eegu tokko kennameefii, kophaa isaa akka jiraatu ni eeyyamameef.

17Guyyaa sadiin duubatti Phaawulos Roomaa worra jiraatan namoota Yihudotaa ol aanttota ni waamsise, yeroo wolitti qabamantti'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan tiyya, ummata Israa'eelii irrattii fi seera abbootii isaanii irratti wonitti raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, haa ta'u malee Yerusaalemtti hidhamee worra Rooma'aatiif dabarffamee ni kenname.

18Worri Roomaa'llee eega ana qorataniin duubatti, waan du'aan ana adabssiisu waan narratti hin argatiniif, bilisaan gad ana dhiisuu barbaadanii turan.

19HuE 25:11.Yihudonni garuu bilisaan gad dhiifamuu kiyya yeroo mormmanitti, gara nugusa Roomaa naa haa galu jechu'uuf ni dirqame, ta'u'llee waayee ummata kiyya ittiin himadhu hin qabu ture.

20Amma'llee ka isin waamsiseef, isin arguu fi kana'llee isinitti himuuf, ani birbiraata kanaan ka hidhameef, waayee abddii ummata Israa'eelii Kristosiitiif kennameetiin.»

21Isaan'llee akkana jechuun ni deebisaniif, «Xalayaan waayee keetiif, biyya Yihudaatii barreeffame nu hin geenne, namoota garana dhufan keessaa'llee, eennu'llee waayee kee ka hamaa dubbate hin jiru.

22Amantii kutaa ati horddofaa jirttuu kana, bakka marattuu namoonni akka mormmaniin ni beekinna, kanaaf yaanni kee maal akka ta'ee beekuu ni barbaanna» jedhaniin.

23Eega guyyaa beellamaniifiin duubatti, namoota baay'ee ta'anii gara mana isaa ka jireennaa ni dhufan, Inni'llee ganamaa irraa haga galgalaa titti, waayee Mootummaa Waaqaa ragaa bayuun yaada isaa isaaniif ni ibise, inni'llee isan amansiisuuf Seera Musee Kristosiitiif kitaabban nabiyyootaa irraa tuquun'llee, waayee Yesusii isaan ni hubachiise.

24Tokkoon tokkoon isaanii dubbii inni dubbate ni amanan, kuunniin garuu hin amanne.

25Isaan'llee ufii isaaniitiiyyuu uduu wolii hin galin, addaan ni deeman. Ta'u'llee uduu adda hin deeminiin duranatti Phaawulos yeroo muumme'eetiif yoo dubbattu, akkana ni jedhe, Hafuurri Qulqulluun karaa nabiyyicha Isaayaasiitiin abootatti wonitti dubbate sirrii ture!

26Dubbiin dubbate'llee kana,

gara ummata kanaa deemiitii,

dhagayuu ni dhageettan, garuu hin hubattan,

arguu'llee ni argitan, garuu hin onne'etti hin qabattan isaaniin jedhi,

27Onneen namoota kanniinii jaabaattee jirtti,

gurri isaanii'llee duudee jira, ijji isaanii'llee cufamttee jirtti,

akkana ta'uu uduu dhabaatee,

ija isaaniitiin arganii,

gurra isaaniitiin dhagayanii,

onnee isaanii titti'llee hubatanii,

gara kiyya ni deebi'anii,

isaan ni faayyisa ture.

28Eegaa ergaan fayyisummaan Waaqaa ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef akka ergame beekaa, isaan'llee tole jedhanii isa ufitti ni fudhataniin.

29[«Phaawulos'llee kana eega dubbateen duubatti, worri Yihudotaa haalaan isaan mormmaa, achii bayanii ni deeman.»]

30Phaawulos mana kireeffate keessa woggaa lamaaf ni taa'e, namoota gara isaa dhufan mara'llee ni simata ture.

31Mootummaa Waaqaa'llee lallabuun, waayee Gooftaa Yesus Kristosii eennu'llee uduu hin dhooginiin, ugiinssaan ni barsiisa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help