Gara Worra Efesoonii 3 - Waadaa Haarawa

Hujii Phaawulos Ummata Waaqa Dhuga'aa Titti Hin Amanneef

1Kanaaf ani Phaawulos hidhamaa Yesus Kristosii ka ta'eef, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef jedheeti.

2Faayyiddaa keessaniif akka oolichuuf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa tajaajilaa akka naa kenne, dhugamaanuu dhageettanii jirttan.

3Durissee gabaabnnatti akkuma isinii barreessetti, Waaqinni dhossaa isaa ibisee, muldhataan natti muldhisee jira.

4Qol 1:26, 27.Kana ka isinii barreesseef'llee yoo dubbiffattan, waayee dhossaa Kristosii waan ani hubadhe, hubachu'uuf ni dandeettan.

5Dhossaan kun'llee Hafuura Waaqaatiin ergamittoota Qulqulluuwwanii fi nabiyyoota isaatiif, bifa amma muldhateen baroota dabrranitti, namoota ni jiran turaniif hin muldhanne.

6Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit.

7Waaqinni hujimaata isaa ka huminnaatiin karaa kennaa naaf kenne ka bilisaatiin, ani'llee tajaajila wongeelaa kanaa ta'ee jira.

8Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname.

9Akkuma kana baroota dabrranitti maraayyuu ka uume Waaqaan dhokatee dhossaa tureef, kaayyoon Waaqaa maal akka ta'e maraafuu akka ibisuuf, kennaan bilisaa naaf ni kenname.

10Kun'llee ka ta'e bara ammaa titti karaa woldaya amanti'iitiin itti gaafatamoon samii jiranii fi namoonni aangoo qaban, ogummaa Waaqaa akkaataa bifa isaatiin akka beekaniif.

11Waaqinni karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin kana ka raawwate, akkaataa karoora isaa ka bara baraatiin.

12Ka Kristosii ta'uu keennaa fi isatti'llee amanuu keennaan, Waaqa duranatti uggiinssaa fi ufi heddanno'oon dhiyaachuu ni dandeenna.

13Rakkinni ani waayee keessaniif fudhadhu ulfinna keessan, kanaaf waayee rakkinna kiyyaatiin abddii hin kutatnaa jedhee isin ni kadhadha.

Jaalala Kristosii

14Eegaa Waaqa Abbaa duraatti jilibba kiyyaan jilbbiiffadhee ka kadhadhu sababaa kanaaf.

15Sami'ii fi arddii irra ka jiru tokkoon tokkoon maati'ii maqaa isaa ka dhuga'aa ka argatu, Waaqa irraayyi.

16Waaqinni qaama keessan ka keessaa huminna jabeessu karaa Hafuura isaatiin, ulfinna isaa ka durumma'aatiin akka isiniif kennuuf ni kadhadha.

17Akkuma kana Kristos amanti'iin onnee teessan keessa akka jiraatuu fi isin'llee hidda gad fageeffattanii jaalalaan ka jabaattan akka taataniif ni kadhadha.

18Dabalee'llee jaalallitti Kristosii baldhinnaa fi dheerinni isaa, ol fageennii fi gad fageenni isaa hagam ta'uu isaa, Qulqulloota mara woliin'llee hubachuu akka dandeettaniif,

19kana ka beekkomissa namaatii ol ta'e jaalala Kristosii akka beekittaniif, guutamiinssa Waaqaa ka muda maleessa ta'een guuttamu'uuf'llee akka geettaniif, ni kadhadha.

20Kanaaf karaa huminna isaa ka nu keessatti hojjattuutiin ka kadhannuu fi ka yaadinnuu olitti haalaan caalichisee, Waaqa raawwachuu danda'uuf,

21isaaf Woldaya amanti'iitii fi Yesus Kristositiin baroota marattuu, baaraa haga baraa titti ulfinni haa ta'u, Ameen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help