Ergaa Yaaqoob Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaErgaan Yaaqoobii kun jireenna guyya'aatiif yaada qajeelffama ta'an ka qabatee jiru yoo ta'u, ka barreeffame'llee biyya lafaa mara keessa ka bittinaayan gosoota kudha lamaaniif, barreessaan waayee toofittaa ogummaa qabatama'aan hujii irra ittiin oolichinuu, waayee amala ufitti fudhata kristaanu'mma'aatii fi wonittoota qajeelfama ta'anii, suuraa fakkeenna ifa ta'aniitiin ni dhiyeessa, waayee hiyyumma'aatii fi waayee qabeennaa, waayee qormaatamaa, waayee amala misha'aa, waayee hinaaffa'aa, waayee amaniti'iitii fi gocha misha'aa, waayee faayaduu afaaniitii fi miidhaa ta'uu isaa, waayee ogumma'aa, waayee ufii wol lolu'uu, waayee ufi tuulumma'aatii fi mataa gad qabataa, waayee kaaniin irratti murteessu'uu, waayee ufi dhaadu'uu, waayee obissaatii fi waayee kadhanna'aa, waayee dirqama kristaannonni raawwachuun isaan irraa maluu, tareessu'uun barreessee jira.Ergaan jireenna kristaanumma'aa keessatti amantiin gochaan, haala ittiin hiikkamu'uu, guddisee ni mulidhisa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1Amanti'ii fi ogummaa 1:2-8Hiyyumma'aa fi qabeenna 1:9-11Qormaatama 1:12-18Dubbii Waaqaa dhagayuu fi raawwachuu, 1:19-27Daloo akka hin raawwataminneef ufi eeggannaa kenname 2:1-13Amanti'ii fi hujii 2:14-26Kristaanaa fi afaan isaa 3:1-18Kristaannumma'aa fi biyya lafaa kana 4:1—5:6Waayee wonittoota gara garaatiif gorssa kenname 5:7-20