1 Waayee Gooftotaatii Fi Waayee Tajaajiltootaa
5 hidha keessantti hidhattanii, jireenna mishaa akka meeshaa woraanaa titti uffattanii,
15wongeela nagayaa akka kophee miila keessantti godhattanii, qophaayu'uun dhaabadhaa.
16Kana maraan olitti akka ibiddaa titti ka bobayan xiyyaawwan sheexanaa maraa ittiin balleessuu ka dandeettan, amantii akka wonte'ee titti qabadhaa.
17Fayyiinna akka qoobii sibiilaa mataa keessan irratti gonbsaa, akkuma kana Hafuura Qulqulluu irraa ka argamu billaya, kana'llee dubbii Waaqaa qabadhaa.
18Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa.
19Dhossaa wongeelaa sodaa malee akka ibisituuf yeroo dubbadhutti jecha barbaachisaa akka naa kennuuf, ni kadhadhaa.
20Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa.
Nagaya Muumme'ee21 HuE 20:4; 2Xim 4:12. Obboleessi keenna ka jaalatamee fi hujii Gooftaa keenna Yesus Kristosiin tajaajilaa amanamaa ka ta'e, Tikiiqoos akkaataan kiyya attam akka ta'ee fi maal akka hojjadhu'llee, waan maraa isinitti ni hima.
22Kanaaf nu'u attam akka taane akka beekittanii fi isin'llee akka jajabeessuuf jechu'uun, isa gara keessan ergeenii jira.
23Waaqa Abba'aa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa nagayaa fi jaalalli amanti'iin woliin, obboleeyyaniif haa ta'u.
24Jaalala addaan hin cinneen Gooftaa keenna Yesus Kristosiin worra jaalatan maraaf, kennaan isaa ka bilisaa isaaniif haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.