1Waaqaan woliin worra hojjannu akka ta'uu keennaa titti kennaa isaa ka bilisaan hin hanbbisinaa jennee, isin ni kadhanna.
2Waaqinni,
«Yeroo mijaayaa ta'etti si ni dhagaye!
guyyaa fayyinaa titti si ni gargaare!» waan jedhuuf,
«Kunoo yeroon mijaayaa ta'e amma, guyyaan itti fayyamu'llee amma.»
3Tajaajilli keenna akka hin ashaminneef woma tokkoonuu eennuuf'llee, gufannaa hin taanu.
4Kana irra rakkoo rakkinnaa fi sarddama'llee obissa'aa akka tajaajilttoota Waaqaa titti, karama kamiinuu mataa keenna ni dhiyeesina.
5 attamitti woliigaluuf danda'an ree? Ka amanuu fi ka hin amanne hoo woliigaltee maal qabaachuu danda'an ree?
161Qor 3:16; 6:19.Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee,
«Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa,
isaan woliin'llee ni jiraadha,
Ani Waaqa isaanii ni ta'a,
isaan'llee ummata kiyya ni ta'an»
jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.
17Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira,
«Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa,
waan battii ta'e'llee hin tuqinaa,
ani'llee isin ufitti ni fudhadha,
18Ani abbaa keessan ni ta'a,
isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan,
jedha, Waaqinni maraa danda'u.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.