Mul'dhata Yohaannisii 2 - Waadaa Haarawa

(1) Woldaya Amantii Efesoonii

1Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi,

«Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame,

2Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka.

3Obissaan jajabaattee dhaabachuu keetii fi waayee maqaa kiyyaatiif'llee uduu hin hifatin rakkinna fudhachuu kee'llee ni beeka,

4garuu waan sitti ashu tokko ni qaba, kun'llee jaalala kee ka duraanii dhiifittee jirta,

5bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan.

6Garuu ka si galateeffachiisu wonitti tokko ni jira, kun'llee ani ka jibbu hujii worra Niqolaawotaa jibbitee jirta.»

7 Mul 22:2. «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› »

(2) Woldaya Amantii Semrneesii

8 Mul 1:17; 22:13. Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi,

Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame,

9rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,

10Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.

11 Mul 20:14; 21:8. Hafuurri woldayoota amanti'iitiif waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!

Injifatee ka moo'u du'a lammaffa'aatiin, hin miidhamu.

(3) Woldaya Amantii Phergamoonii

12Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi,

Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,

13ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.

14Garuu ka sitti ashu wonittoota tokko tokko ni qaba, kun'llee barsiisa Bla'aamii ka qabatan namoonni tokko tokko jidduu keessan ni jiran, Bala'aamiin kun'llee ummanni Israa'eelii Waaqa harkaan hojjatamaniif ka qalame foon nyaachu'uu fi sagaagala raawwachu'uun akka gufataniif, Balaaqiin ka gorsse.

15Akkuma kana barsiisa worra Niqolaawotaa namoonni qabatan'llee jidduu keessan ni jiran,

16kanaaf dhiifamaan gara Waaqaa deebi'i, yoo kana ta'uu dhabaate daddafaan gara kee dhufee akka bilaya ka jiru, dubbii afaan kiyyaa bayuun isaan ni woraanna.

17 Yoh 6:48-50. «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»

(4) Woldaya Amantii Tiyaaxiroonii

18Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi,

Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.

19«Hujii kee, jaalala kee, amantii keetii fi tajaajila kee, obissaan dhaabachuu kee'llee ni beeka, hujiin kee ka maa'ii ka duranaa akka caalu'llee ni beeka.

20Garuu waan si irratti ashu tokko ni qaba, kun'llee, ‹Ani nabiyyitti'i› dubarttii jettu Eelzaabeeliin lashi itti jettee obissiteefii jirtta, isin'llee tajaajilttoonni kiyya akka sagaagalanii fi foon Waaqa harkaan hojjatamaniif qalame'llee akka nyaataniif barsiisu'uun, isaan dogoggorssitee jirtti.

21Gara Waaqaa titti akka deebituuf yeroo ni kenneef, isiin garuu sagaagala isi'ii irraa gara Waaqaa deebi'u'uuf hin barbaanne.

22Kanaaf siree sarddamaa irratti isii ni gata, hujii hamaa isii woliin hojjatan irraa dhiifamaan gara Waaqaa yoo deebi'an malee, worri isi'iin woliin sagaagalan mara irrattuu, rakkinna cimaa ni fida.

23Ijoollee isi'ii'llee du'aan ni adaba, woldayoonni amanti'ii marri'llee yaada namaatii fi hawwii isaa'llee ka qoradhu ana ta'uu kiyya ni beekan, tokkoo tokkoo keessaniif'llee akka hujii keessaniitiin, isiniif ni kenna.»

24«Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u,

25ta'u'llee haga ani dhufutti ka qabddan jabeessa'aatii qabadhaa.

26Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf,

27‹ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, akka meeshaa faaraa titti'llee tumee isaan ni bulleessa› aangoon kun'llee ka akka bifa ani Abbaa kiyya irraa fudhadheeti,

28urjjii bariisa'aa'llee ni kennaaf.»

29Waan Hafuurri woldayoota amanti'iitiin jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help