1Itti aansee'llee Yesus kana fakkeennaan akkana jechu'uun isaanitti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, naanaya isaa'llee ni dallaye, cuunffaa woyinni'iitiif'llee ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu siree ol fagaatu ka kaabaa dhaga'aa'llee ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya fago'oo ni deeme.
2Firiin'llee yeroo gayetti'llee, firii woyinni'ii irraa akka isaa fiduuf tajaajilaa isaa gara qotee bulttootaa ni erge.
3Qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa qabanii eega dhaananiiniin duubatti, harka isaa duwwaa ni deebisaniin.
4Deebi'ee'llee abbaan qabeennaa tajaajilaa bira'aa ni erge, qonnaan bulttoonni tajaajilaa kana'llee dhaga'aan burussan, salphisaniinii, ni deebisaniin.
5Itti aansee'llee ka bira'aa yoo ergu, ni ajjeesaniin, akkuma kana baayi'eewwa yoo ergu'llee, tokko tokkoo isaanii ni dhaanan, kaanniin'llee ni ajjeesan.
6Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge.
7Garuu qotee bulttoonni ufii isaaniitii woliin, ‹kun ammoo dhaalaa isaati! Kootaa haa ajjeefinnuuiin! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a› woliin ni jedhan.
8Kanaaf ilma isaa qabanii ni ajjeesaniin, bakka biqilttuu woyinni'iitiin alatti'llee ni gataniin.»
9Eegaa abbaan qabeenna biqilttuu woyinni'ii maal raawwata? Abbaan mataan isaatuu ni dhufa, qotee bulttoota'llee ni ajjeesa, biqilttuu woyinni'llee kaanniiniif ni kenna.
10«Haa ta'u malee,
‹dhagaan kaabddonni tuffataniin,
mataa cabssata› » ni ta'e.
11Kun'llee hujii Goofta'aati,
ija teennaaf'llee baasaa! ka jedhu, dubbii kitaaba Qulqullu'uu isin hin dubbifnne moo?
12Itti gaafatamoonni Yihudotaa fakkeenni Yesus dubbate ka isaan laalu ta'uu waan hubataniif, isa qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu ummata sodaatanii dhiisanii ni deeman.
Gaafii Waayee Gibraa Kafalu'uuf Dhiyaatee(Mat 22:15-22; Luq 20:20-26)13Gara worra Fariisotaatii fi worra Heerodisiitii ka ta'an namoonni tokko tokko, Yesusiin haasaya isaatiin isa qabu'uuf jecha, gara isaa ni ergaman.
14Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?»
15Yesus'llee fakkeesitummaa isaanii beekee, «Maali'iif ana qabu'uuf barbaadan? Mee qarshii fida'aatii natti muldhisaa» isaaniin jedhe.
16Isaan'llee qarshii ni fidaniif, inni'llee, «Qarshii kana irra biftti jiruu fi maqaan barreeffame ka eennuuti?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
Isaan'llee, «Ka Nugusa Rooma'aati» jedhaniin.
17Yesus'llee, «Eegaa ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kennaa!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee deebii isaa ni maalalffatan.
Waayee Du'oota Du'aa Ka'aniitiif Gaafii Dhiyaate(Mat 22:23-33; Luq 20:27-40)18 ni saaman, kanaaf isaan murtiin caalaan isaan irra ni gaya.»
Kennaa Haadha Hiyyeessaa(Luq 21:1-4)41Yesus saanduuqa kenna'aa fuunduranaan taa'ee uduma jiru, ummanni sanduuqa keessa qarshii yoo buusan ni arga ture, dureeyyiin baayi'een'llee qarshii baayi'ee ni buusan ture.
42Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhufittee, saantibii shishiikkoo sibiila diima'aa lama gayu achi keessa ni buufitte.
43Yesus'llee barattoota isaa waamee akkana isaaniin ni jedheen, «Dhugamaan isiniin jedha, sanduuqa keessa qarshii namoota buusan mara irraa caalchifttee ka buufite, haadha hiyyeessaa hiyyeettii tana.
44Kuunniin marrinuu ka kennan qabeenna qaban irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu, womaayyuu uduu hin hanbifatin, waan qabddu maraa ni kennite» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.