Gara Ibirootaa 7 - Waadaa Haarawa

Qeesicha Malkeesadeeqii

1Malkeesadeeqii seedeqi nugusa Saalemiitii fi qeesicha Waaqa jiraata'aa ture, Malkeeseedeqiin kun'llee Abrahaam nugusota injifatee yeroo deebi'u, karaa irratti argamee jira ture.

2Abrahaam'llee waan qabatee jiru mara irraayyuu, harka kudhan keessaa harka tokko baasee ni kenneef, Malkeeseedeqi hiikkaan maqaa isaa tokkoffaan, «Nugusa Qulqullumma'aa» ka bira'aa «Nugusa Saalemii» yookiin «Nugusa Nagayaa» jechu'u.

3Malkeeseedeqi kitaaba keessatti abbaa beekkamee fi haadha yookiin gaalee dhalootaa hin qabu, baraaf jalqaba, jireenna isaatiif'llee muummee hin qabu, Malkeeseedeqiin kun'llee akka fakkeenna Ilma Waaqaa ta'uu isaatiin, bara baraan qeesii ta'ee ni jiraata.

4Naminni kun attam ol aanaa akka ta'e mee laalaa, Abrahaamiin abbaa gosaa ta'ee waan booju'uun argate irraa kudhan keessaa harka tokko baasee kennaa Mana Waaqaatiif ni kenneef.

5Kunniin hujii qeesumma'aa irratti ka ramadaman fiixaan Leewi'ii ummata keessaa fiixaa Abrahaamii keessaa jechuun'llee, obboleeyyan isaanii keessaa harka kudhan keessaa harka tokko akka fudhataniif, seeraan isaanii ajajamee jira,

6Malkeeseedeqi fiixaa Leewotaa yoma ta'uu dhabaate'llee Abrahaamiin irraa kudhan keessaa harka tokko kennaa Mana Waaqaa ni fudhate, Abrahaamii dubbiin abddi'ii kennameef'llee ni eebbiseen.

7Maandhichi hangafchi irraa eebba akka fudhatu shakkiin hin jiru.

8Gara tokkoon worri kudhan keessaa harka tokko fudhatan du'oota worra ta'an, gara bira'aatiin garuu kudhan keessaa harka tokko ka fudhate, jiraataa ta'ee akka jiraatu ka rageeffameef Malkeeseedeqi.

9Eegaa Malkeesadeeqii seedeqi Abrahaamiin yeroo wol qunnametti Leewiin abbaa isaa Abrahaamiin irraa waan hin dhalatiniif,

10kudhan keessaa harka tokko fudhachuun ka isaan malu Leewiin mataan isaa karaa Abrahaamiitiin kudhan keessaa harka tokko kafalee jira jechu'u.

11Eegaa ummataaf seerri ka kenname akkaataa qeesummaa hunddee Leewi'iitiin, qeesummaa worra Leewotaa kanaan muda maleessummaan uduu argamee jiraateetii, muudama qeesummaa Aaroonii uduu hin ta'in muudaminni qeesummaa Malkeeseedeqii ka qabu qeesichi bira'aa, dhufuu hin barbaachisu ture,

12gaaleen qeessumma'aa yoo jijjiiramu seerri'llee woliin jijjiiramuu ni qaba.

13Qeesichi kun marri ammoo gosa bira'aa irraayyi, gosa kana irraa eennu'llee gara furddaa dhiyaatee ka tajaajile hin jiru.

14Gooftaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa ta'uun isaa ka beekkame, ta'u'llee Museen waayee qeesotaa yoo dubbatu gosa Yihuda'aa laalchisee ka dubbate, womaan tokkoo hin jiru.

Kristos Qeesicha Akka Malkeesadeeqii Ta'uu Isaa

15Wonitti kun ifa ta'ee ka argamu qeesichi akka Malkeeseedeqii jiru ka bira'aa yeroo ka'utti,

16inni ka muudama qeesumma'aa ka fudhate jireenna isaatiif muummee ka hin qabnne ta'uu isaatiin malee, seeraa fi naamusa fiixa'aan dhufeenii miti.

17«Akka muudama qeesummaa Malkeeseedeqii titti ati bara baraaf qeesicha» jedhamee, ragaan bayameefii jira.

18Ajajinni duraanii dadhaba'aa fi ka hin fayyaddinne waan ta'eef, diigamee jira.

19Seera Muse'eetiin womaayyuu muda maleessa ta'uuf hin danddeenne, amma garuu gara Waaqaa ka ittiin dhiyaannu, abddiin fooyyayaa ta'e nuuf kennamee jira.

20Kana malee'llee, qeessummaan kun kakuu Waaqaa malee hin taane, sunniin worri asiin durana qeesota ta'an kakuu male'e,

21Yesus garuu qeesicha ka ta'e kakuu Waaqaatiin, kun'llee,

«Waaqinni, ‹ati bara baraaf qeesicha jedhee› kakatee jira,

hin jijjiiramu» jedhamee akkaataa isaaf dubbatameetiin.

22Waayee kakuu kanaatiin Yesus waadaa fooyyayeef wobii ta'ee jira.

23Sababaa du'aatiin qeesichi tokko uduu hin jijjiiramin hujii irra bara baraaf jiraachuu waan hin dandeenneef, qeesota duraanii laakkofssi isaanii baayi'ee ni ture,

24Yesus garuu bara baraaf ka jiraatu waan ta'eef qeesummaan isaa ka hin jijjiiraminne.

25Kanaaf isaaniif kadhachu'uun bara baraaf jiraataa ta'ee waan jiraatuuf karaa isaatiin gara Waaqaa worra dhufan maraa, muda maleessumma'aan isaan fayyisu'uuf ni danda'a.

26Akkana ka jiru Qulqulluu ashaan itti hin jirre, qulqulluu cubbamoota irraa ka fooyame, samii irra ka ol jedhe, itti gaafatamaan qeesotaa nu barbaachisa.

27Inni'llee akkuma Qeesonni ol aanttonni kunniin duraan durssee waayee cubbuu mataa isaatiif, maaii'llee waayee cubbuu ummataatiif guyyama guyya'aan kitimaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu, maraa isaa kitimaa taasisee yeroo dhiyeessetti'llee, waan kan haala irra deebii hin qabnneen raawwatee jira.

28Seerri itti gaafatamoota taasisee ka isaan muudu namoota dadhabiddoota, seeraan duubatti ka dhufe dubbiin kaku'uu garuu bara baraaf muda maleessa ka ta'e, Ilma Waaqaa muudee jira.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help