1Yaa ilma kiyya! Kana ka isiniif barreessu, cubbuu akka hin hojjanneef jedheeti. Garuu naminni kamiyyuu cubbuu yoo hojjate, Waaqa Abbaa biratti abukaatoo ni qabnna, Inni'llee Yesus Kristosii qulqullaawomicha.
2Inni'llee cubbamoota ni dhabamisiisa, cubbuu keenna qofa uduu hin ta'in, cubbuun biyya lafaa maraa ka dhabamisiifamu isaan.
3Ajajoota Waaqaa ka raawwannu yoo taane, isaa ka beekinnu ta'uu keenna kanaanuu ni mirkaneessina.
4«Waaqa ni beeka» jedha'aa ajaja isaa ka hin raawwanne yoo jiraate inni sobddicha, dhugaan'llee isa keessa hin jiru.
5Garuu dubbii Waaqaatiif ka ajajamu marrinuu jaalallitti inni Waaqaaf qabu muda maleessa, dhugaamaanuu ka isaan jiraannu ta'uun keenna'llee ka beekkamuun kanumaan,
6Waaqaan ni jiraadha naminni jedhu, Kristos akka jiraattetti jiraachuu qaba.
Ajaja Haarawa7 Yoh 13:34. Yaa waahelloota! Ajajinni isiniif barreessa'aa jiru kun jalqabumaa kaasee ka turee fi ajaja duriiti malee haarawaa miti, ajajinni durii kun'llee dubbima dhageettan.
8Haa ta'u malee jireenna Kristositii fi keessan biratti dhugaa ta'ee ka mulidhate, ajaja haarawa isiniif ni barreessa, dukkanni dhabamisiifamee ifin dhuga'aa, amma'llee ibisa'aa ni jira.
9Ifaan ni jiraadha jedha'aa obboleessa isaa ka jibbu inni amma'llee dukkanaan ni jira.
10Obboleessa isaa ka jaalatu marrinuu ifa keessa ni jiraata, karaa isaatiin'llee nama wonitti gufachiisu hin jiraatu.
11Obboleesa isaa ka jibbu garuu dukkana keessa ni jiraata, dukkanaan'llee ni dedeebi'a, dukkntti'llee ija isaa waan jaamisseeniif, gara itti deemu hin beeku.
12Yaa ijoolle tiyya, cubbuun keessan maqaa Yesusiitiin waan isinii dhiifameef isinii ni barreessa.
13Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekittaniiniif, isinii ni barreessa. Yaa dargaggoota, sheexana waan injiffattaniif isinii ni barreessa.
14Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira.
15Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa maraa hin jaalatnaa. Biyya lafaa ka jaalatu Waaqa Abbaa hin jaalatu.
16Biyya lafaa keessa ka jiru marrinuu hawwii foonii, kajeellaa ijaa, ufi dhaaduu jireennaa marrinuu biyya lafaa irraayyi malee, Waaqa Abbaa biraayyii miti.
17Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata.
Mormmataa Kristosii Ka Ta'e Irraa Ufi Eeggachuu18Yaa ijoolle! Kun yeroo muumme'eet, «Mormmataan Kristosii ni dhufa» yoo jedhamu dhageettanii jirttan, kunoo ammumaayyuu mormmatoonni Kristosii baayi'een ka'anii jiran, waayee kanaan yeroo muumme'ee ta'uu isaa ni beekinna.
19Isaan numa jiddu'uu bayan. Haata'u malee isaan durumaanuu gara keennaa hin turre. Gara keennaa uduu ta'anii jiraataniitii, nu'uun woliin'llee jabaatanii ni jiraatan turan. Garuu marrinuu gara gosa keennaatii ta'uu dhabuun isaanii akka beekkamuuf, nu jiddu'uu fooyamanii bayanii jiran.
20Isin garuu Krirstos Hafuura Qulqullu'uun isaan dibee jira. Kanaaf marri keessanuu waan maraa ni beekittan.
21Isiniif ka barreessu dhugaa waan hin beekinneefii miti, isin ammoo dhugaa ni beekittan, dhugaa keessa'llee sobinni akka hin argaminne, ni beekittan.
22Eegaa Yesus Masihicha ta'uu ka waakkatu malee, sobaan eennu ree? Inni'llee mormmataa Kristositi, Waaqa Abba'aa fi Ilmaa'llee ni waakkata.
23Ilma ka waakkatu Waaqa Abba'aa hin fudhatu, Ilmatti ka amanu Waaqa Abba'atti ni amana.
24Jalqabumaayyuu kaafttanii ka dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee haa jiraatu, isin garuu jalqabumaayyuu dubbiin dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee yoo jiraate, Ilmaa fi Waaqa Abba'aa woliin, tokkummaa ni qabaattan.
25Kun'llee abddii Kristos nuuf kenne, jireenna bara baraati.
26Waayee namoota isin sossobanii ka isiniif barreessee jira,
27Kristosiin irraa hafuurri fudhattan keessa keessan waan jiraatuuf barsiisaa bira'aa isin hin barbaachisu, inni waan maraa isin ni barsiisa, ka isin barsiisu'llee dhuga'a malee sobaa miti, kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka isin barsiisuuf, Kristosiin jiraadhaa.
28Eegaa yaa ijoollee! Yeroo inni mulidhatutti uduu hin sodaatin ugiinssaan akka isa arginuu fi guyyaa itti dhufutti'llee isa duratti akka hin saalfanneef, isaan jiraadhaa.
29Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.