Gara Ibirootaa Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaErgaan kun ka barreeffame waayee kristaanota mormmiin cimaan isaan irra gayeetii fi worra amantii isaanii dhiisu'uuf dhiyaatanii ture, barreessaan amanttoota worra Ibirootaatiif ka isaaniif mirkaneessu, Yesus Kristos dhugaalessaa fi muldhata Waaqaa ka muumme'ee ta'uu isaa muldhisu'uuf. Kristaannonni kunniin amantii isaaniitiin akka jabaatanii dhaabataniif isaan ni jajabeessa, kana'llee yeroo raawwatutti dhugaa sadii guddisee ni muldhisa.1. Karaa rakkinna fudhateetiin Waaqa Abba'aaf ajajamaa dhuga'aa ka ta'e Yesus Ilma Waaqa ka bara baraati, Ilma Waaqaa ta'uu isaatiin'llee nabiyyoota bara waadaa duraanii keessaa, Muse'ee fi malayikkoota irra'llee, haalaan ol aana'aa.2. Yesus qeesota waadaa duraanii irra haalaan ka caalu qeesicha bara baraa ta'uu isaa, Waaqinni mataan isaatuu dubbatee jira.3. Karaa Yesusiitiin amanaan cubbuu irraa, soda'aa fi du'a irraa ni fayya, Yesus itti gaafatamaa qeesotaa akka ta'uu isaa titti akkaataa seerota amantii worra Ibirootaa titti, akka gaadiddu'uu titti ni laallama ka ture fayyinni, dhugaalessa akka ta'u isa taasisee jira.Barreessaan seenaa Israa'eelii keessatti namoota beekkamittoota ta'an amantii isaanii akka fakkeennaa titti fayyadamu'uun, (boqa. 11) dubbifattoonni amantii isaaniitiin akka jabaatanii dhaabataniif isaan ni yaadachiisa, akkuma kanaan'llee boqa 12 dubbifattootiin ija isaanii Yesusiin irratti xiyyeeffachu'uun, amanitii isaaniitiin akka jabaatanii fi rakkinni bifa kamiitii fi sarddaminni isaan irra yoo gaye'llee akka obissaniif isaan ni gorssaan, muumme'etti'llee, gorssaa fi dubbii ufi eegganna'aa kennu'uun xumura.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa, Waaqinni Kristosiin muldhachuu isaa 1:1-3Kristos ka maleyikkootaa olii ta'uu isaa 1:4—2:18Kristos Muse'ee fi ka Iyyaasu'uu olii ta'uu isaa 3:1—4:13Ol Aanttummaa Qeesummaa Kristosii 4:14—7:28Ol Aanttummaa waadaa Kristosii 8:1—9:22Caalmaya Wereegama Kristosii 9:23—10:39Ol Aanttummaa amanti'ii 11:1—12:29Waaqa Gammachiisuu 13:1-19Kadhannaa Xumuraa 13:20-21Woliigala 13:22-25
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help