1 Gara Worra Qorontoosii 4 - Waadaa Haarawa

Tajaajilttoota Kristosii

1Eegaa naminni marrinuu nu'u tajaajiltoota Kristosii akka taane, dhossaa Waaqaa'llee ibisu'uuf yaboon ka nutti kenname worra yaboo fudhanne itti gaafataminni ka nuuf kenname, akka taane taasisee nu lakkaayuun ni mala.

2Worri yaboon baayi'eewwan itti kenname'llee amanamoota ta'anii argamuu qaban.

3Waayee kiyya yoo ta'e isin'llee yoo natti murtteessitan yookiin namoonni bira'aa yoo natti murtteesse, womaayyuu miti. Dhugamaanuu ani matama kiyya irrattuu murtteessu'uuf hin danda'u.

4Ani akka beekutti yoo taate Sammuun kiyya ana hin gilndisu, kun'llee ani qulqulluu ta'uu kiyya hin hubachiisu, garuu ka ana irratti murteessuu Gooftaa qofa.

5Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.

6Yaa obboleyyaan! Isin faayyadu'uuf jedhee dhimma kanaan anaa fi Apholosiin akka fakkeennaa taasisee ni dubbadhe, kana'llee ka taasiseef, «Ka barreeffame irra hin dabrrin!» hiikkaa gorssa jedhuu, nurraa akka barattaniif jedheeti. Kanaaf nama ufi dhaadu'uu fi ka bira'aa garuu tuffachuun hin malu.

7Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda?

8Amma garuu waan isin barbaachisu maraa argattanii jirttan, dureeyyii'llee taatanii jirttan, nu irraa fooyamittanii mootomttanii jirttan, dhugamaanuu mootomttanii uduu jiraattaniitii ammoo, nu'llee isin woliin waan mootomnnuuf mootomuun keessan mishaa ni ta'a ture.

9Waaqinni nu'u ergamittota isaa gara bakka duuti isaanitti murtteeffamee itti ajjeefamanii namoota fudhataman jiddu'uu, worra muumme'ee ka nu taasise natti fakkaata, kana irraa'llee ka ka'een biyya lafaa maratti maleyikkaa ta'ee namoota duranatti, akka waan laalamuu taanee ni muldhanna.

10Nu'u waayee Kristositiif jennee gowwoota taanee jirra, isin garuu Kristosiin ogeessota taatanii jirttan, akkuma kana nu'u dadhabiddoota taanee jirra, isin garuu jajaboota taatanii jirttan, isin worra kabajamittan taatanii jirttan, nu'u garuu worra salphate taanee jirra.

11Amma'llee yoo ta'e haga saa'aatii kanaa titti ni beelofnna, ni dheebonna, ni daarrale'e, ni dhaanaminna, mana itti gallu'llee dhabu'uun asii fi achi ni xaarra.

12 taanee jirra.

14Ani kana ka isiniif barreessu akka ijoollee tiyya ka jaalatamttanii taasisee isin gorssu'uuf yaadeeti malee, isin saalfachiisu'uuf jedheetii miti.

15Yoma Kristosiin durssitoota baayi'ee qabaattan'llee abbootii baayi'ee hin qabdan, ani garuu wongeela Kristos Yesusiitiin isin uumadhee jira.

161Qor 11:1; Flp 3:17.Kanaaf fakkeennummaa kiyya akka horddofttaniif, isin ni kadhadha.

17Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa.

18Garuu isin keessaa tokko tokko waan ani isin laalu'uuf hin dhufinne isaanitti fakkaatee, ufi tuulumma'aan guutamanii jiran.

19Haa ta'u malee fedha Goofta'aa yoo ta'e yeroo gabaaba'atti gara keessan ni dhufa, yeroo sanitti haasaya ufi tuulttota sanniinii qofa uduu hin ta'in, huminna isaanii'llee beekuu ni barbaada.

20Mootummaan Waaqaa haasayaa uduu hin ta'in, huminna Waaqaati.

21Ka barbaaddan maali'i? Ulee adabbi'ii qabadhee gara keessan akka dhufuuf barbaadan moo? Yookiin jaalalaa fi hafuura mataa gad qabataatiin, akka dhufu barbaaddan?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help