1 Mat 13:55; Mar 6:3. Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa,
Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,
2Dhiifamnni, nagayaa fi jaalallitti'llee isiniif haa baayi'atu.
Barsiisota Sobddoota3Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.
4Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.
5Kana mara durssitanii yeroo tokko ka beekittan yoma ta'e'llee, ummata isaa biyya Gibixiitii baasee akka isaan fayyisee fi worra hin amaninii'llee maai'ii akka isaan balleesse, isin yaadachiisu'uuf ni jaaladha.
6Akkuma kana aangoo isaanii eegachuu dhabuu isaaniitiin malayikkoota bakka isaanii gad dhiisan yaadadhaa, isaan Waaqinni haga Guyyaa ol aanaa murti'ii titti hidhaana bara baraatiin, dukkana jimii keessatti isaan eegee turssiisee jira.
7Bifuma kanaan Sodoomii fi Gamooraan magaalawwan naannaya isaanii jiran'llee sagaagalttoota ni ta'an, seera uumamaatiin alatti'llee sagaagala ni raawwatan. Kanaaf isaan ibidda bara baraatiin worra adabamaniif, fakkeenna ta'anii jiran.
8Akkuma kana namoonni kunniin eebjjuu isaaniitiin eemarama'aa foon isaanii ni batteessan, aangoo qabeeyyi'iif'llee hin ajajaman, sami'itti ulfinna worra qaban'llee ni arrabissan.
9Mul 12:7.Itti gaafatamaan maleyikkootaa Mikaa'el'llee waayee reeffa Muse'eetiif sheexanaan woliin yeroo mormmetti, «Gooftaan sitti haa baanatu!» jedheen malee, jecha arrabaa itti hin dubbanne.
10Namoonni kunniin garuu hubachuu waan dadhaban maraafuu nama ni arrabissan, akka beeyiladoota sammuu uumamaan hin qabnee titti'llee, waanuma miira isaanii ka uumamaan beekan yoo jiraate'llee, isaan ni badan.
11Karaa Qaaye'liitiin waan deemaniif, qarshi'iif jedhanii dogoggora Bala'aamiitiin waan kufaniif, Qoreen'llee akka isaan isaan'llee waan isa mormmuu isaaniitiin waan badaniif, isaanii uunisha'a!
12Namoonni kunniin saalifata malee wiriqachu'uun tokkumma'aan afeerrii irratti yoo argaman gufuu isaanitti ni ta'an, isaan ka yaadan waayee mataa isaanii qofa, akka waan bubbe'een dhiibamanii isaan akka duumessa rooba hin qabnne ka bubbe'een dhiibamuuti. Ji'umaa firi'ii tittuu akka muka firiin irratti hin argaminne, akka muka jalaan buqqifameetii fi isaan akka muka yeroo lama du'eeti.
13Hoomacha gocha isaanii saalifachiisa'aa ka dafiqqan, isaan akka danbalii garba ciisa'aa dallaneeti, dukkantti jimiin bara baraaf akka isaan eeggatuu fi akka urjjiiwwan raanttayaniiti.
14Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa,
15namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.»
16Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.
Ufi Eeggachiisaa Fi Gorssa17Isin garuu yaa waahelloota! Ergamittoonni Gooftaa keenna Yesus Kristosii asiin durana dubbii dubbatan yaadadhaa.
182Phex 3:3.Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan.
19Isaan'llee nama ka addaan fooyan, hawwii foonii ka horddofan, Hafuura Qulqulluu namoota hin qabnne.
20Isin garuu yaa waaheloota, maraa olitti amantii keessan ka Qulqulluu ta'eef mataa keessan ijaaru'uuf hisadhaa, Hafuura Qulqullu'uun'llee himnna isiniif ni kadhadhaa.
21Gooftaan keenna Yesus Kristos dhiifama isaatiin gara jireenna bara baraatiin akka isin gayuuf eeggachu'uun, mataa keessan jaalala Waaqaa keessatti eeggadha'aanii.
22Namoota shakkaniif gara laafnna isaanii taasisaa,
23Tokko tokkoo'llee ibiddaa keessaa baasa'aatii isaan fayyisaa, kaanniinf soda'aan garaa laafa'aafii, ta'u'llee cubbu'uun ka battaaye qaama isaanii uffatuma tuqe'llee, uduu hin hafin jibbaa.
Kadhannaa Galataa24Akka hin kufnne ka isin taasisu'uu fi worra ashaa hin qabnne isin taasisee gammachu'uun ulfinna isaa duranatti isin dhiyeessu'uuf ka danda'u,
25Inni qoftti Waaqa qorichaa keenna ka ta'e karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, duri irraa jalqabee, amma'llee, bara baraaf'llee ulfinnaa fi gachena, huminnaa fi aangoon isaaf haa ta'u! Ameen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.