1Naminni tokko, «Ephis qophoosota (durssitoota woldayaa amanti'ii) ta'u'uuf yoo barbaade hujii kabaja ni hawwa» jechi jedhu, dhugaalessa.
2Tit 1:6-9.Kanaaf durssaan mana amaniti'ii tokko ka ashaa hin qabnne, hadha worraa takkattii qofa ka fuudhe, hagatti ka jiraatu, mataa ufii ka toowatu, seeraan ka hojjatu, keessummaa simataa ka ta'e, barsiisu'uuf dandeettii ka qabu,
3ka hin machoofnne, wol mormmii ka hin jaalanne, gara laafessa, ka namaan wol hin dhabinne, ka qarshii hin jaalanne,
4maatii mataa isaa seeraan bulichu'uuf ka danda'u, ka ijoolleen isaa akkaa fi kabajaan ajajamaniif, ta'uu qaba.
5Naminni maatii mataa isaa bulichu'uuf ka hin dandeenne yoo ta'e, woldaya amanttoota Waaqaa attamitti bulichu'uuf danda'a?
6Ufi tuulumma'aan afuufamee akkuma sheexanni itti murtteeffame, akka itti hin murtteeffamnneef amanaan haarofinni ephis qoposiin hin ta'in.
7Asha'aa fi woshaadoo sheexanaa keessatti akka hin kufnnee fi namoota hin amanne biratti'llee maqaa mishaa akka qabaatu barbaachisa.
Waayee Gargaarttota Woldaya Amantii8Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban,
9akkuma kana dhossaa amanti'ii sammuu Qulqullu'uun worra eeggatan ta'uu mala,
10Isaan'llee durssanii haa qormaataman, achiin duubatti worra ashaa hin qabnne ta'anii yoo argaman, hujii gargaarttumma'aatiin haa tajaajilan.
11Akkuma kana haawotiin worraa isaanii ka bajaman, nama ka hin hamanne, hagatti ka jiraatan, waan maraanuu amanamoota ta'utu isaan irra jira.
12Gargaarttonni tokkoon tokkoon isaanii, abbaa worraa haadha worraa takkaa ta'uu isaan irra jira, ijoolleen isaaniitii fi maatiiwwan isaanii'llee haala misha'aan bulffachuu ni qaban.
13Hujii gargaarttumma'aatiin tajaajila mishaa worri keennan sadarkkaa ol aanaa ta'e ni argatan, waayee amantii Yesus Kristosiin jiruu'llee dubbachu'uuf, uggiinssa ni qabaatan.
Dhossaa Ol Aanaa14Yeroo dhiyo'otti dhufu'uuf abddii yoma taasise'llee yookiin dhufaatii irraa ka turu yoo taate,
15Mana Waaqa jiraata'aatii fi utubaa bu'ura dhuga'aa ka ta'e maatii Waaqaa keessatti, namoonni maal raawwachuun akka isaan irraa malu akka beekittaniif, qajeelcha kana isiniif ni barreessina.
16Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni,
«Nama ta'ee ni muldhate,
dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame,
maleyikkootatti ni muldhate,
ummatoota maraaf ni lallabame,
namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan,
ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.