1Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.
2Museen Mana Waaqaa mara keessatuu amanamaa akkuma ture, Yesus'llee ka isa muude Waaqaaf amanamaa ni ture.
3Ka Mana ijaaru mana ijaaru caalaa akkuma ulfinna qabu mara, Yesus'llee Musee caalaa ulfinni ni malaan.
4Dhugamaanuu tokkoon tokkoon manaatuu ijaaraa ni qaba, waan maraa ka hojjate garuu Waaqa.
5Ufi durana waan jedhamuu qabuuf ragaa akka ta'u, Museen guutuu Mana Waaqaatiif akka tajaajila'aa, amanamaa ni ture.
6Kristos garuu Mana Waaqaa titti amanamaa ka ta'e akka ilmaa isaa ta'eeti, manni'llee nu'u, mana isaa ka taanu'llee waan itti amannuu fi ittiin ufi dhaadinu abddii keenna jabeessinee yoo qabanne.
Ufi Eeggannoo Ummata Waaqaatii Fi Kenname7Kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka jedhutti,
«Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan,
8lafa gammoojjii titti yeroo ana qormaattantti, akka bifa kakaatanii titti,
onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa.
9Achitti abbootiin teessan ana ni qormmaatan, ana ni doorsisan'lle'e,
woggaa afurtamaa waan raawwadhe'llee ni argan» jedha Waaqinni.
10«Kanaaf dhaloota sanitti dallanee,
‹onneen isaanii yeroo maraa ni dogoggora,
karaa kiyya'llee hin beekinne› jedhe.»
11Dabaleellee,
«Gara bakka ani isaaniif kennuu ka boqanna'aa gonkumaa hin galan! Jedhee
dallanssuu tiyyaan kakadhee jira.»
12Yaa obboleeyyan, isin keessaa waan Waaqa jiraataa irraa waan isin fageessu hama'aa fi onnee hin amanne akka hin qabaanneef, ufi eeggadhaa.
13Kana irra isin keessaa cubbu'uun sobamee onnee isaa didduu akka hin taasfnneef, «Adhaa» jedhamee yeroon waamame haga jirutti, guyyama guyya'aan mari'adhaa.
14Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.
15Kun'llee,
«Adha qooniqqa isaa yoo dhageettanitti, akkuma bifa yeroo hammeennaa san raawwattanitti, onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa!»
jedhamee akkuma barreeffame.
16Haa ta'u malee isaan sunniin qooniqqa isaa eega dhagayaniin duubatti ka hammaatan eennu fa'a? Isaan Museen eemara'aa worra Gibixii bayan mara hin turre ree?
17Waaqa woggaa afurtamaa guutuu uduu dallansiisaniin ka jiraatan, eennuun fa'a turan? Isaan cubbuu ka hojjatanii fi worra reeffi isaanii lafa gammoojji'ii titti kufee hafee mitii ree?
18Dabaleellee saniin worra hin ajajamin yoo ta'an malee, «Gara boqannaa kiyyaa titti hin galttan!» jedhee ka isaanitti kakate, eennuun fa'a turan?
19Eegaa galu'uuf ka hin danda'in, waayee amanuu dhabuu isaaniitiin ta'uu isaa ni argina.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.