1Eegaa gara keessan yoo dhufu kun sadaffaa kiyya, yoomuu wonitti marrinuu ka mirkanaayu ragaa lamaan yookiin sadi'hiin.
2Iaalicha kiyya ka lammaffa'aatiin isin woliin yeroo turetti, ufi eegganna'aan dubbadhee ture, amma ammoo fagoo ta'ee asiin durana worra cubbuu hojjatanii fi kaaniiniif'llee, ufi eeggachiisu'uun ni dubbadha, amma gara keessan deebi'ee yeroo dhufutti eennuuf'llee hin nayu.
3Isin ana keessa bulee ka dubbatu Kristosiin ta'uu isaa mirkaneesu'uuf ni barbaaddan, isin biratti ka muldhatu'llee huminna isaati malee, dadhabbii isaatiinii miti.
4Inni fannoo irratti fannifamee ka du'e dadhabaa ta'uu isaatiin yoo ta'e'llee, amma huminna Waaqaatiin lubbu'uun ni jiraata, nu'llee isa woliin dadhabddoota taanee jirra, wolitti dhufeenna isin woliin qabnnuun garuu isa woliin, huminna Waaqaatiin ni jiraanna.
5Amantii keessaniin ka jabaattan ta'uu keessan mirkaneessu'uuf mataa keessan qoradhaa, mataa keessan qormaataa, Yesus Kristos isin keessa jiraachuu isaa hin hubanne moo? Kana ta'uu yoo dhabeete qormaataan kufttanii jirttan jechu'u,
6Nu'u qormaataan kufuu dhabuu keenna akka nuuf hubattan, abddii ni taasfnna.
7Waan hamaa akka hin raawwanneef gara Waaqaa ni kadhanna, ka kadhannu'llee yoma nu'llee worra gayeessota taanee uduu hin muldhatin yoo hafinne'llee, isin yeroo maraa waan mishaa ta'e akka raawwattaniif malee, nu'u gayuumissa keenna muldhisu'uufii miti.
8Nu'u waan dhuga'aatiif hojjanna malee, duddagala dhuga'aa ka ta'e womaayyuu hin hojjannu.
9Nu'u dadhabddoota taanee isin garuu jajaboota yoo taatan ni gammanna, kadhannaan keenna akka isin muda maleessota taataniif.
10Ergaa kana isin irraa fagaadhee uduu jiru ka isiniif barreesse woma kanaaf, bifa kanaan gara keessan yeroo dhufutti aangoo Gooftaan naa kenneen isin hin sarddu, Gooftaan aangoo ka naaf kenne isin ijaaruuf malee, isin diigu'uufii miti.
11Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a.
12Wol dhungoo Qulqullaayome qabuun wol dhungata'aa nagaya wol gaaffadhaa,
13Amanttoonni marrinuu nagaya isiniif ni dhiyeessan.
14Keennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, jaalallitti Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqullu'uu isin mara woliin haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.