2 Ergaa Yohaannis 1 - Waadaa Haarawa

1Giifttii filatamitte fi ijoollee isi'iitiif,

Ana jaarssa irraa ergaa ergame, ani dhugamaanuu isin ni jaaladha, ana qofa uduu hin ta'in worri dhugaa beekan marrinuu isin ni jaalatan,

2dhugaan kun'llee ka nu jidduu jiruu fi ufi durana'llee, bara baraaf ka nu woliin jiraatu.

3Waaqa Abba'aatii fi ka Ilma isaa Yesus Kristosii, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee, dhuga'aa fi jaalalaan, nuun woliin haa ta'u.

Waayee Dhuga'aatii fi Waayee Jaalalaa

4Ijoollee tee keessaa tokko tokko akkaataa Waaqinni Abbaan nu ajajeetiin dhugamaanuu jabaatanii dhaabatanii argachuu kiyyaan, haalaan gammadee jira.

5Yoh 13:34; 15:12, 17.Yaa giifttittii haadha worraa, ammallee yaaboo sitti haa ta'u, wonitti siif barreessu kun haarawa sitti hin fakkaatin, amma ka siif barreessu, «Ufii keennaa wol haa jaalanuu» ka jedhu, jalqabumaayyuu kaasee ajaja nu bira ture.

6Jaalala dhuga'aa jechuun ajaja Waaqaa raawwachu'u. Ajajin kun'llee akkuma jalqaba dhageettaniin, «Jaalalaan jiraadhaa» ka jedhu.

7Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi.

8Isin garuu gatii keessan guutuu fudhachu'uuf hisadhaa, wonitti hojjattan'llee akka isin jalaa hin banneef, ufi eeggadhaa.

9Barsiisa Kristositiin jabaatee ka hin jiraannee fi isa irraa'llee fagaatee ka deemu, Waaqinni isa woliin hin jiru, barsiisa Kristositiin jabaatee naminni jiraatu garuu, Waaqinni Abbaanii fi Ilmi'llee isa woliin ni jiran.

10Barnnoota kana uduu hin qabatin eennu'llee gara keessan yoo dhufe mana keessanitti isa hin simatinaa, nagaya'llee hin gaafatinaanii.

11Nagaya'llee naminni isa gaafatu, hirmaataa hujii isaa hama'aa ni ta'a.

Nagaya Muumme'ee

12Isinii barreessu'uuf wonitti barbaadu baayi'ee ni qaba ture, garuu waan maraa xalaya'aan isinii ibisu'uu hin barbaadu, kana irra gammachuun keenna muda maleessa akka ta'uuf gara keessan dhufee, fuulle'etti jechaaf jechaan isin dubbisu'uuf abddii ni taasisa.

13Ta filatamitte ijoolleen obboleettii teetii, nagaya siif ni dhiyeessan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help