1 Gara Worra Tasaloonqee 3 - Waadaa Haarawa

1 HuE 17:15. Kanaaf ammaa achitti obissuu dadhabuu keennaan, Ateena'aatti adda keenna hafuun keenna mishaa ta'ee nutti ni muldhate.

2Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf,

3kun'llee rakkinna isin irra gayeen akka hin raafaminne isin ni taasisa, rakkinni kun'llee nu'uuf carraa murttaaye ta'uu isaa isin mataan keessanuu ni beekittan.

4Gonkumaa isin woliin yeroo turetti rakkinni akka narra gayu durssinee isinitti ni himnna ture, akkuma beekittantti'llee rakkinni narra gayee jira.

5Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.

6 HuE 18:5. Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira.

7Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ka argaminnu rakkinnaa fi sarddama keessatti yoma ta'e'llee, waayee amantii keessaniitiin isiniin jajabaannee jirra.

8Gooftaa Yesusiin jabaattanii jiraachuun keessan nu'uuf jireenna keenna.

9Kunnoo, amma waayee keessaniif galata ni dhiyeessinna, waayee keessaniin'llee isa duranatti waayee gammachuu qabnnuutiif Waaqa ni galateeffanna.

10Halkanii fi guyyaa akka jabaa ka kadhannuuf ija fooniitiin akka isin arginuu fi amantii keessaniin'llee waan dhidhate guutu'uuf, akka dandeennuuf.

11Amma'llee mataan isaatuu Waaqinni keennaa fi Abbaan keenna, Gooftaan keenna Yesus'llee gara keessaan akka dhufinnuuf, karaa keenna nuuf haa qajeelchu.

12Akkuma nu'u isin yaannutti Gooftaan ufii keessan fi kaanniin maraaf'llee jaalallitti qabddan, akka guddatuu fi akka baayi'atu isiniif haa taasisu.

13Bifa kanaan Gooftaan keenna Yesus qulqullaawota mara woliin yeroo itti dhufutti Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duratti, onneen teessan ka ashaa hin qabnnee fi Qulqulluu akka ta'uuf isin ni jajabeessa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help