1 1Tas 4:15-17. Yaa obboleeyyan! Waayee dhufiinssa Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi nu'llee isa woliin ta'u'uuf waayee dhimma wolitti qabamiinsa keennaatiif, ka isin kadhannu kana,
2Raagaan yookiin jechaan akkuma dubbatametti yookiin akkuma nurraa erga'aan barreeffametti taasfttanii, «Guyyaan Goofta'aa gayee jira» jechu'uun, dadafatti sammuun keessan hin jeeqamin, hin raafamina'llee.
3Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu.
4Naminni jeeqamaa kun waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waaqeffataman maraa olitti, mataa ufii ol ni qaba, «Ani Waaqa» jedha'aa, Manuma Waaqaa keessa taa'uufuu ni ugga.
5Isin woliin yeroo turetti waan kana isinitti himee akka ture, hin yaadattanii ree?
6Yeroo isaa murtteeffametti haga muldhatutti, amma akka hin muldhanneef wonitti isa dhooggu maal akka ta'e ni beekittan.
7Dhofamaan huminni jeeqamaa amma'llee hujii irra ni jira, ta'u'llee amma ka dhoogamu ni jira, kun'llee ka ta'u ka dhoogamu sun haga dhabamisiifamuuf.
8Kanaan duubatti Gooftaan Yesus hafuura afaan isaatiin ka balleessuu fi gaachenni dhufuu isaa ka dhabamisiisuun naminni jeeqamaa ni mulidhata.
9Mat 24:24.Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun,
10Akkuma kanaan'llee namoota badan ka soban wonittoota hamaa kamiinuu raawwachu'uun. Namoonni kunniin ka badan'llee fayyinnaan ka isaan gayu, dhugaa jaalatanii waan hin fudhatiniif.
11Waayee kanaan dharaan akka amananiif, Waaqinni huminna isaan dogoggorssu isaanitti ni erga.
12Kun'llee ka ta'u dhuga'tti hin amannu jedhanii cubbu'uun worri gammadan marrinuu, akka isaanitti murtteeffamuuf.
Fayyinnaaf Namoota Filataman13Goofta'aan ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Nu'u garuu waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa galateeffachu'utu nurraa mala, ka galateeffanuuf'llee isin Hafuura Qulqullu'uun qulqullaawomuu fi dhuga'atti'llee amanu'uun akka fayyitaniif, Waaqinni jalqaba waan isin filateef.
14Waaqinni karaa wongeela nu'u isinitti lallabnneetiin kanaaf ka isin waame, ulfinna Gooftaa keenna Yesus Kristosii akka qoodamttaniif.
15Kanaaf yaa obboleeyyan, jabaadha'aatii dhaabadhaa, jecha keennaan ta'ee ergaa keennaan'llee barsiisa nu irraa isiniif dabrre, jabeessa'aatii qabadhaa.
16Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,
17waan mishaa ta'e maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif onnee teessan haa jajabeessuun, waan mishaa maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif, isin haa jabeessu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.